MUDDEE 28, 2020
BIRAAZIIL
Lolaa fi Sigigaachuun lafaa, Biraazil Saantaa Kaataarinaatti Miidhaa Geessise
Iddoo
Kibba Biraaziil Saantaa Kaataarinaa naannoo Vaalee Doo Etaazhee
Balaa
Bokkaa cimaan Kibxata Muddee 17, 2020 roobuu jalqabe miidhaa cimaa fi sigigaachuu lafaa geessiseera
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Babalʼistoonni 22 mana isaanii dhiisanii deemuuf dirqamaniiru
Kan nama gaddisiisu obboleettiin waggaa 65 tokko yommuu manni ishii sigigaachuu lafaatiin miidhametti duuteetti
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen 15 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii gargaarsaa
Miseensonni Koree Gargaarsa Yeroo Balaa, ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin naannichaa maatii obboleettii duutee dabalatee obboloota miidhaman hundaaf jajjabinaa fi deggersa gochaa jiru
Koreen Gargaarsa Yeroo Balaa naannoo balaan gaʼe kana akka ilaalaniif, gargaarsaa barbaachisu akka beekanii fi manneen qulqulleessuu irratti deggersa akka godhaniif garee obboloota naannichaa qabate tokko hundeesseera. Kana malees Koreen kun bishaan dhugaatii liitriin 2000 olii fi nyaanni babalʼistootaaf akka kennamu qophii godheera. Kun hundi kan raawwatamu qajeelfama of eeggannoo COVID-19 utuu hordofanii ti
Obboleettiin keenya tokko balaa kanaan duʼuu ishiitti gaddineerra. Taʼus fuulduratti yeroo balaan uumamaa fi ‘duuti itti hin jiraanne’ abdiidhaan eegganna.—Mulʼata 21:4