Dhimma ijoo ta'etti seeni

Galma Walgaʼii Guddaa Resiifaayi, Bulchiinsa Pernaambuukoo, Braazilitti argamu miidhaan guddaan irra gaʼeera

WAXABAJJII 10, 2022
BIRAAZIIL

Lolaanii fi Sigigni Lafaa Biraazilitti Miidhaa Guddaa Geessiseera

Lolaanii fi Sigigni Lafaa Biraazilitti Miidhaa Guddaa Geessiseera

Caamsaa 25, 2022 kaasee bokkaa cimaan roobuu isaatiin kan kaʼe, lolaanii fi sigigni lafaa kaaba baha Biraazilitti miidhaa guddaa geessiseera. Balaa kanaan miidhaa guddaan kan isaan irra gaʼe bulchiinsoota Alaagooʼaasii fi Pernaambuukoo yommu taʼan, magaalonni naannoo sana jiran 42 labsii yeroo hatattamaa labsaniiru. Namoonni 145,000 ol taʼan qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru; akkasumas yoo xinnaate namoonni 129 taʼan lubbuu isaanii dhabaniiru.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni tokko iyyuu hin miidhamne

  • Babalʼistoota 3 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen 280 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Manneen 22 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 23 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii Guddaa 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreen Gargaarsa Yeroo Balaa babalʼistooa 600 ol taʼaniif wanta buʼuuraa jireenyaaf barbaachisu kennaa fi Dubbii Waaqayyootti fayyadamee isaan jajjabeessa jira

  • Hojiin gargaarsaa hundi qajeelfama of eeggannoo KOOVIID-19 wajjin karaa wal simuun hojjetamaa jira

Obboloonni keenya balaa uumamaa kana yommuu dandamatanitti, ‘Gooftaa irraa humna argachuu isaanii akka itti fufan’ ni kadhanna.—Efesoon 6:10.