Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 25, 2020
BIRAAZIIL

Obboloota Keenya Amaazonitti Argamaniif Gargaarsa Gochuu

Obboloota Keenya Amaazonitti Argamaniif Gargaarsa Gochuu

Koreen Waajjira Damee Biraaziil babalʼistoota sababa dhukkuba daddarbaa vaayirasii koronaatiin rakkinni dinagdee isaan mudate gargaaruuf Koreewwan Gargaarsaa 18 hundeesseera. Koreen Gargaarsaa kun obboloota keenya fagaatanii naannoo Laga Amaazonitti argaman dabalatee gumiiwwan biyyattii gara 12,000 taʼan gargaaraa jira. Hamma ammaatti maatiiwwan Amaazonitti argaman 131 gargaarsa argataniiru.

Koreen Gargaarsaa Maanaaʼus ishii magaalaa guddittii bulchiinsa Amaazoonaa taatetti argamu wantoota barbaachisoo jiʼa tokkoof taʼan qopheessee ture. Wantoonni kun, nyaata kanneen akka baaqelaa, daakuu kaasaavaa, ruuzii, aannan daakuu, akkasumas miʼawwan qulqullinaa kanneen akka saamunaa, sooftii, biruushii ilkaanii fi saamunaa ilkaanii kan dabalatani dha. Obboloonni miʼawwan kana gara buufata doonii Maanaakaapuuruu isa achitti dhihoo jirutti kan geessan yeroo taʼu, achiis bidiruudhaan bakkawwan Meembekaa fi Leegoo duu Kaastanhoo jedhaman dabalatee naannoowwan fagoo jiran hedduutti erganiiru.

Obboleettiin Maarinelmaa jedhamtuu fi naannoo Leegoo duu Kaastanhoo jedhamu keessa jiraattu gargaarsa kana erga argattee booda akkas jetteetti: “Hundumaa dura, Yihowaan kunuunsa nuu gochaa waan jiruuf isan galateeffadha. Wanta ittiin nyaata bitannu waan hin qabneef, gargaarsi guddaan nu barbaachisa. Arjummaa fi jaalala isaaniitiif obbolootas nan galateeffadha. Ilmi koo inni umurii waggaa jaʼaa miʼawwan kana hiikee iddoo iddoo isaanii yommuun kaaʼu na arge; anis carraa kanatti fayyadamee Yihowaan obbolootatti fayyadamee nu gargaaraa akka jirun itti hime. Achiis ilmi koo kun, ‘Harme kadhannaadhaan Yihowaa galateeffannuu?’ naan jedhe.”

Obboleessi keenya Jonaas Monteeriyoon inni maatii isaa wajjin magaalaa Kaappiraangaa jiraatu Koree Gargaarsaatiif xalayaa barreesseera, xalayichi muraasni isaa akkas jedha: “Gargaarsa nuu gootaniif baayʼee isin galateeffanna. Karaa keessan jaalala Yihowaa argineerra. Kutaa maatii addunyaa maraa kanaa taʼuun dhugumaan mirga guddaa dha.”

Obboloonni Koree Gargaarsaa kana keessatti hojjetanis jajjabina argataniiru. Jaarsi Koree Gargaarsaa keessatti tajaajiluu fi Ayizeek Emaanuʼel Raamaalihoo dee Oliveeraa jedhamu akkana jedheera: “Guyyaa guyyaadhaan yeroon Koree Gargaarsaa kana keessatti hojjedhu hundatti amantiin koo akka cime natti dhagaʼama. Hojiin kun wantan obbolootaaf godhe caalaa anaan akka na fayyade shakkii hin qabu.”

Yeroo dhukkuba daddarbaa kanatti Yihowaan tajaajiltoonni isaa eessa iyyuu yoo jiraatan kunuunsa isaaniif gochuu isaa arguu keenyatti amantiin keenya cimeera.—Faarfannaa 94:14.