ONKOLOOLESSA 5, 2022
BIRAAZIIL
Qabiyyeen namoota hirʼina qaamaa qaban gargaaruu fi JW.ORG irratti dabalame Egziibiishinii Biraazilitti Godhamerratti Dhihaate
Fulbaana 1 hanga 4, 2022 kaasee, Dhugaa Baatonni Yihowaa, Egziibiishinii Biyyoolessaa bara 2022, “International Trade Fair on Rehabilitation, Inclusion and Accessibility Technologies” jedhamuu fi Saaʼoo Paawuloo, Biraaziilitti geggeeffamerratti akka hirmaatan affeeramanii turan. Egziibiishiniin meeshaaleen teknoolojii namoota hirʼina qaamaa qaban gargaaran irratti argisiifaman kun argisiisa Laatiin Ameerikaa keessatti bakka guddaa qabu ture. Argisiisa waggaa kanaarratti namoonni 46,000 ol argamaniiru.
Obboloonni fi obboleettonni argisiisa kanarratti hirmaatan dunkaana jw.org, appilikeeshinii JW Library fi JW Library Sign Language keessatti argisiisan dhaabaniiru. Dunkaanicha keessatti meeshaan eleektiroonikii cuqaasuudhaan odeeffannoo irraa argatan qopheeffamee ture. Babalʼistoonni qaro dhabeeyyii taʼanii fi ijji isaanii sirriitti hin argines itti fayyadama weebsaayitichaa fi appilikeeshinii sanaa argisiisuuf bakka kanatti argamanii turan.
Ogeessi namoota hirʼina qaamaa qaban gargaaranii fi argisiisa kanarratti argaman akkana jedhaniiru: “Gareen amantii tokko namoota gargaarsi addaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa addaa kennuunsaa baayʼee nama dinqisiisa.” Daawwataa kan biraanis, “Kun karaa hojii gargaarsa hawaasaa itti raawwatan keessaa isa guddaadha!” jedhaniiru.
Bakka buutonni Waldaa Qaro Dhabeeyyii Biyyaalessaa Biraaziilii dhufan Egziibiishinii bara 2022 kanarratti argamaniiru. Namoonni kun yeroo argisiisni kun dhihaatutti tamsaasa raadiyoo qopheessanii turan. Guyyaa Egzibishiiniin sun itti banamee fi cufametti obboloota dunkaana sana keessaa hojjechaa turaniif gaafannoon godhamee ture. Obboloonni, Dhugaa Baatonni Yihowaa Biraaziil keessatti qofa utuu hin taʼin, addunyaa maratti namoota qaro dhabeeyyii, ijji isaanii sirriitti hin arginee fi gurri isaanii duudaa taʼe akkamitti akka gargaaran isaaniif ibsaniiru. Gaafannoo tokkorratti bakka buutota Waldaa Qaro Dhabeeyyii Biyyaalessaa Biraaziil keessaa inni tokko weebsaayitii akka jw.org qabiyyee Afaan Mallattoo hammanaa qabu argee akka hin beekne dubbateera.
Bara duriitii kaasee hanga harʼaatti, Yihowaan namoota hirʼina qaamaa qabaniitti jaalala argisiisaa jira. (Leewwota 19:14) Dhugaa Baatonnisaa jaalalasaa kana yommuu hordofan arguun akka isa gammachiisu ni amanna. Yeroo ‘ijji warra qaro dhabeeyyii itti banamuu fi gurri duudes itti dhagaʼu’ hawwii guddaadhaan eegganna.—Isaayaas 35:5.