CAAMSAA 6, 2022
BIRAAZIIL
Waajjirri Damee Biraazil Haareffamuu Jalqabe
Waajjirri damee Biraazil inni baha magaalaa Saaʼoo Pooloo irraa kiiloomeetira 140 irratti argamu haareffama guddaan godhamaafii jira. Kaayyoon itti haareffamaa jiru gamoowwan Beetel balʼisuu, miʼoota ittiin ijaaraman jijjiiruu fi haalluu dibuu dha. Gamoo Betel haaressuun rakkina addaa qaba. Hojichi karaa hojii waajjira damee keessa jiru hin jeeqneen akka raawwatamuf karoorfamee hojjetamaa jira. Fakkeenyaaf, miseensoonni maatii Beetel hamma manni isaanii haareffamee xumuramutti mana yeroodhaaf keessa turan keessa jiraachuu qabu. Hojiin isaa waggaa shan keessatti xumurama jedhamee yaadama.
Obboloonni biiroo fi manneen jireenyaa 650 dabalatee naannoo kaaree meetirii 75,000tti tilmaamamu haaressu. Gamoowwan waajjira damee kan fooyyeffaman caalaatti haala isaatiif akka taʼanii fi kaayyoo barbaadameef gaʼaa akka taʼaniifi dha. Fakkeenyaaf, biiroowwan yeroo barbaachisaa taʼutti akkuma haala isaatti jijjiiruuf girgiddaawwan salphaatti diigamuu dandaʼan qabaatu. Manneen jireenyaa hundatti bakka nyaata itti bilcheeffatan ni dabalama, akkasumas kutaan uffata itti miicatan gaʼaan akka jiraatu taasifama. Meeshaaleen ammayyaa haala naannoo wajjin wal siman, akkasumas itti fayyadama bishaanii fi elektiriikii wajjirra damee qusatan ni dhaabamu.
Obboloonnii fi obboleettonni hojii kana irratti fedhiidhan hirmaatan mooraa waajjira damee keessa kutaawwan yeroodhaaf akka keessa jiraatan taasifaman keessa jiraatu. Kutaawwan kunneen kutaa kuusaa gara mana jireenyaa 25tti jijjiirame kan dabalatani dha. Kana malees, konteenaroota miʼoonni ittiin dhufan 91 bakka qonnaa Bethel isa gamoo waajjira dameetti aanee jiru keessatti argaman mana jireenyaa yeroodhaaf keessa jiraatan taʼaniiru.
Obboleessi keenya Jooʼeel Giriigor inni tajjaajilaa hojii ijaarsaa taʼee fi hojii sana irratti hirmaachaa jiru akkana jedheera: “Jaarmiyaan Yihowaa akkamitti hojii kana raawwachaa akka jiru qofa utuu hin taʼin, akkamitti saba isaa leenjisaa akka jiru arguu dandeenyeerra. Obboloonnii fi obboleettonni fedhiidhaan of dhiheessan muuxannoo ijaarsaa kan hin qabne ykn muuxannoo xinnoo qofa kan qaban taʼus, yeroo ammaatti leenjii isaaniif kenname irratti hundaaʼanii warra kaan leenjisaa jiru.”
Yihowaan sabni isaa hojii kanaa fi hojiiwwan ijaarsaa tiʼookrasi kan biroo irratti yeroo ‘fedhiidhaan of dhiheessanitti’ guddisee akka isan eebbisu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 110:3.