Dhimma ijoo ta'etti seeni

ADOOLESSA 1, 2021
BOOLIIVIYAA

Hiikni Addunyaa Haaraan Afaan Ayimaaraatiin ni Baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraan Afaan Ayimaaraatiin ni Baʼe

Waxabajjii 27, 2021, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Ayimaaraatiin bifa elektiroonikiitiin ni baʼe. Sagantaan dursee waraabame gumiiwwanii fi gareewwan Booliiviyaa keessa jiran hundaaf tamsaafameera. Obboleessi keenya Nelvoo Kavilarii, inni miseensa Koree Waajjira Damee Booliiviyaa taʼe Kitaabni Qulqulluun kun baʼuu isaa beeksiseera.

Hojii Kana Ilaalchisee Ibsawwan Tokko Tokko

  • Afaan Ayimaaraa keessuma namoota Haroo Titiikakaa isa naannoowwan, Gaarawwan Aandees keessatti argamu keessa jiraatanii fi miliyoona 1.6 ol taʼantu dubbata.

  • Afaanota Booliiviyaatti ittiin hojjetaman 36 keessaa Afaan Ayimaaraan afaan biyyicha keessatti dubbatamu isa lammaffaa dha

  • Babalʼistoonni gara 2,000 ta‵an fi Afaan Ayimaaraa dubbatan, gumiiwwan 60 ol taʼaniin Arjantiinaa, Booliiviyaa, Chiilii fi Peeruu keessatti tajaajilaa jiru

  • Hiiktonni 6 hojii kana xumuruuf waggaa 4 isaanitti fudhateera

Hiiktota kana keessaa tokko akkana jedheera: “Kitaabni Qulqulluun kun kennaa guddaa Yihowaan namoota Afaan Ayimaaraa dubbataniif kenne dha. Amma Kitaaba qulqulluu afaan isaan itti fayyadamanii fi dubbataniin qophaaʼe dubbisuu dandaʼu. Akkuma waan Yihowaan kallattiidhaan isaaniitti dubbachaa jiruutti isaanitti dhagaʼama.”

Obboleessi keenya Maawurisiyo Haandal, inni miseensa Koree Waajjira Damee Booliiviyaa taʼe akkana jedheera: “Yeroo Kitaabni Qulqulluun Afaan Giriikii Afaan Ayimaaraatiin bara 2017⁠tti baʼee kaasee, yaadawwan dinqisiifannaa hiikkaan isaa garaa namoota dubbisanii akka tuqe ibsan hedduun nu gaʼaa turaniiru. Amma Kitaaba Qulqulluu guutuu sirriitti hubatamuu fi ifa taʼe qabna. Namoonni dubbisan Kitaaba Qulqulluu hubachuuf akka isaan gargaaru abdii qabna; hunda caalaa immoo Yihowaa isa Abbaa kitaabichaa taʼetti caalaatti dhihaachuuf akka isaan gargaaru amanannaa guutuu qabna.”

Hiikkaan kun obbolootaa fi obboleettota Afaan Ayimaaraa dubbatan akkuma faarfaticha, “Dubbiin kee abdii koo waan taʼeef, fayyina si irraa argamu nan hawwa” jedhee akka isaanitti dhagaʼamu mirkanaaʼoo dha.—Faarfannaa 119:81.