Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 17, 2021
BOOLIIVIYAA

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kuweechaatiin (Booliiviyaa) Ba‵e

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kuweechaatiin (Booliiviyaa) Ba‵e

Onkoloolessa 24, 2021, Obboleessi keenya Daaglaas Liitil inni Miseensa Koree Waajjira Damee Booliiviyaa ta‵e Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kuweechaatiin (Booliiviyaa) ba‵uu isaa beeksise. Kitaabni Qulqulluun bifa elektirnoonikiitiin ba‵uu isaa sagantaa dursee waraabamee fi namoonni Booliiviyaa keessa jiraatan 4,000 ol ta‵an vidiyoodhaan hordofan irratti ba‵eera. Bifa maxxansaatiin immoo Ebla 2022⁠tti ni ba‵a jedhamee eegama.

Afaan Kuweechaa (Booliiviyaa) naannoowwan adda addaatti karaawwan adda addaatiin dubbatama, jechoonni tokko tokko bakkawwan adda addaatti hiikawwan garaa garaa qabu. Haala kana furuuf Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa miiljaleewwan hedduu haala kana furuuf gargaaranii fi jechoota bakkawwa adda addaatti dubbataman ibsan fayyadameera.

Kitaabonni Qulqulluun Afaan Kuweechaa (Booliiviyaa) kaan bara 1880 kaasee kan qophaa‵ani dha. Haa ta‵u malee, hiikawwan kana keessaa hedduun isaanii maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu kan galchan miiljalee irratti; yookiin jecha walii galaa “Waaqa Abbaa” jedhuun bakka buusaniiru. Namni hojii hiikkaa irratti hirmaate tokko, “Dhuma irratti Kitaaba Qulqulluu maqaa Waaqayyoo qabate argachuu keenyatti baay‵ee gammadeera” jedheera.

Hojiin kun yeroo hojjetamutti namoonni hiikan rakkoowwan adda addaa isaan mudatee ture; fakkeenyaaf miseensoonni maatii isaanii isaan jalaa dhukkubsataniiru. Kana malees, weerara dhibee KOOVIID-19 kan ka‵e haalawwan rakkisoon isaan mudatanii turan. Namni hojii hikkaa irratti hirmaate tokko akkana jedheera: “Hojiin kun yeroo isaaf kenname dursee dhumuu fi ba‵uu kan danda‵e gargarsa Yihowaatiin qofa dha.”

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kuweechaa (Booliiviyaa) namoonni afaan kana dubbatan hedduun “akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” akka isaan gargaaru abdii qabna.—1 Ximotewos 2:4.