Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 8, 2020
BULGAARIYAA

Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Dhugaa Baatota Bulgaariyaa Deggeree Murteesse

Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa Dhugaa Baatota Bulgaariyaa Deggeree Murteesse

Sadaasa 10, 2020, Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa (ECHR) mootummaan Bulgaariyaa mirga bilisummaa amantii obboloota keenyaa akka sarbe murteesseera. Akka murtoo kanaatti abbootiin taayitaa ijaarsi Galma Walgaʼii magaalaa Vaarnaa, Bulgaariyaa jirutti godhamu akka itti fufu heyyamuu qabu. Ijaarsi kun waggaa kudhanii oliif mormii irra gaʼaa tureen kan kaʼe hin xumuramne. Kana malees, manni murtii kun mootummaan Bulgaariyaa obboloota keenyaaf doolaara Ameerikaa 11,500 kaffaluudhaan akka isaan kiisu ajajeera.

Dhimmichi lafa obboloonni keenya Amajjii 2006 bitan irratti Galma Walgaʼii ijaaruu kan ilaallatu ture. Abbootiin taayitaa mana qopheessaa magaalaa Vaarnaa Ebla 2007 ijaarsicha kan heyyaman siʼa taʼu, obboloonni yeruma sana ijaaruu eegalan. Taʼus waggaa sana jiʼa Adoolessaatti, kantiibaan magaalichaa ulaagaa ijaarsaa akka hin guunne ibsuudhaan dhaabsise. Jiʼuma sanatti dhaabbanni siyaasaa Bulgaariyaa beekamaan tokko iddoo ijaarsaa kanatti poostaroota maxxansuudhaan ijaarsicha irratti mormii guddaa kaase.

Akka murtoo Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaatti, manni qopheessaa Vaarnaa, yeroo kanatti maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa balleessuudhaan, “mormitoota kana ifatti deggere.” Kana malees kantiibichi yaada miidiyaa irratti dubbateen mormitoota kana deggereera.

Kana malees, mormitoonni kun jibba halaalaa akka qaban ifatti kan mulʼatu taʼus, kantiibichii fi qondaaltonni kan biroon pirojektii ijaarsichaa kan dhaabsisan sababa jibba amantiitiin utuu hin taʼin, waldhabiinsa laficha irratti uumameen akka taʼe ibsan.

Obboloonni keenya Mana Murtii Ol Aanaa dabalatee, manneen murtii Bulgaariyaa hedduutti ol iyyannoo hedduu kan dhiheessan taʼus hamma ammaatti heyyama hin arganne. Yeroo kanatti, gumiin naannoo sana jiru walgaʼii godhachuuf gamoo tokko kireeffachuun isa barbaachisee ture.

Manni murtii kun gochi abbootii taayitaa kanaa sababa akka hin qabne ibseera. Manni murtii kun manni qopheessaa Vaarnaa Galma Walgaʼii akka hin ijaarre dhorkuudhaan, “bilisummaa yaadaa, qalbii fi amantii” Waliigaltee Mirga Namummaa Awurooppaa Keeyyata 9 fi 11 irratti raggaasifame akka cabse, deggersa 6 fi mormii 1n murteesseera.

Obboloonni keenya, qondaaltonni magaalichaa murtoo mana murtii kanaatiif ajajamuudhaan, ijaarsa iddoo waaqeffannaa hawaasicha fayyaduu fi maqaa Yihowaaf ulfina fidu magaalaa Vaarnaatti akka xumuran akka isaaniif heyyaman abdii qabu. Yihowaan yeroo hunda deggersa waan nuu godhuuf isa galateeffanna.—Faarfannaa 54:4