Dhimma ijoo ta'etti seeni

BITOOTESSA 24, 2023
BURKIINAA FAASOO

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Muuriitiin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Muuriitiin Baʼe

Bitootessa 19, 2023 Obboleessi Yoosuuf Oodraagoo inni miseensa Koree Waajjira Damee Beeniin taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Afaan Muuriitiin baʼuu isaa beeksiseera. Beeksisni kun sagantaa kallattiidhaan Ogaaduuguu magaalaa guddittii Burkiinaa Faasootti godhamerratti himamedha. a Namoonni hedduun magaalaawwan kaan jiran immoo karaa viidiyoo hordofaniiru. Dimshaashumatti namoonni 1,730 ol taʼan argamaniiru. Akkuma beeksisni himameen Kitaabni Qulqulluun inni bifa maxxansaatiin qophaaʼe dhaggeeffattootaaf kan raabsame yommuu taʼu, isa bifa dijitaalaatiin jirummoo garagalfachuun akka dandaʼamu taasifame.

Afaan Muur, Burkiinaa Faasoo keessatti afaan baayʼinaan dubbatamu yommuu taʼu afaan dhalootaa namoota gara miliyoona saddeet taʼaniiti. Afaan kun biyyoota ollaa Kooti Diivuwaar, Gaanaa, Maalii, Seneegaalii fi Toogoo keessattis kan dubbatamudha.

Kun Kitaaba Qulqulluu guutuu yeroo jalqabaatiif Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan dhalootaa Burkiinaa Faasoo keessatti dubbatamuun hiikanidha. Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun afaan Muuriitiin kan jiran taʼus tokkoon isaaniillee maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu hin qaban.

Hojii hiikkaa kanarratti kan hirmaate tokko akkas jedheera: “Walaloon afaan Muuriin waan hin beekamneef, Kitaabota bifa walalootiin qophaaʼan keessaa tokko tokko keessumaa kitaaba Fakkeenyaa fi Weedduu Weedduu Caalu hiikuun rakkisaa ture. Haa taʼu malee, erga hiiknee booda ergaa kitaabota kana keessa jiran hubachuun salphaa taʼuu isaanii yeroo hubannu baayʼee gammanne.”

Obboloonni keenya afaan Muur dubbatan kennaa Yihowaa biraa argachuu isaaniitti baayʼee gammanneerra.—Yaaqoob 1:17.

a Hojii Burkiinaa Faasoo keessatti hojjetamu kan toʼatu waajjira damee Beeniiniidha.