Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gidduu: Lallaba Addabaabayii Ostiraavaa, Cheek Rippuubliik. Mirga: Istaadiyomii Ostiraavaa (gubbaa) fi Piraag (gajjallaa) bakka taphni cabbii irratti godhamu itti geggeeffame

WAXABAJJII 28, 2024
CHEEK RIPPUUBLIIK

Tapha Shaampiyoonii Addunyaa Cheek Rippuubliikiitti Cabbii Irratti Geggeeffame Irratti Lallabni Addabaabayii ni Qophaaye

Tapha Shaampiyoonii Addunyaa Cheek Rippuubliikiitti Cabbii Irratti Geggeeffame Irratti Lallabni Addabaabayii ni Qophaaye

Caamsaa 10 hanga 26, 2024, shaampiyooniin Federeeshinii tapha cabbii irratti godhamu Cheek Rippuubliikiitti geggeeffamee ture. Namoonni gara 800,000 taʼan tapha kana daawwachuuf magaalaa keessumsiisan Ostiraavaa fi Piraagitti argamaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa bakka taphni kun geggeeffamu alatti gaarii barreeffamoonni irra kaaʼaman qopheessan. Armaan gadiitti muuxannoo nama jajjabeessu hedduu argina.

Dargaggoonni lama gaarii barreeffamoonni irra kaaʼamanitti dhihaatanii gaarummaadhaan eenyu akka taʼanii fi maal hojjechaa akka jiran obboloota gaafatan. Obboloonnis waa‵ee hojii Dhugaa Baatota Yihowaa fi barumsa Kitaaba Qulqulluu mareedhaan geggeeffamuu namoota akka affeeran isaaniif ibsan. Isaan keessaa dargaggeessi tokko qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu kun yoomii fi eessatti akka geggeeffamu gaafate. Obboloonnis qoʼannaan kun yeroo fi bakka isaaf mijaaʼaa taʼetti kan geggeeffamu akka taʼe ibsaniif. Inis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii gale.

Guyyaa kan biraammoo, namoonni sadii obboloota keenya haasofsiisan; yeroo kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajila raawwataniif qarshiin kan isaaniif hin kaffalamne akka taʼe yommuu baran baayʼee dinqisiifatan. Isaan keessaa inni tokko; “Tola hojjettu erga taʼee kun maal isin faayidaa?” jedhee gaafate. Obboloonnis barumsi Kitaaba Qulqulluu jireenya isaanii akkamitti akka fooyyessee fi abdii gara fuulduraa akka isaaniif kenne ibsan. Isaan keessaa inni tokko deebiin kun baayʼee waan isa ajaaʼibsiiseef caalaatti barachuu akka barbaadu dubbate; birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhus ni fudhate.

Namichi tokkommoo yeroo baayʼee gaarii barreeffamoonni irra kaaʼaman bira darbaa ture. Yeroo booda, Dhugaa Baatotatti dhihaatee; “Amantii keessanii fi waldaa koo gidduu garaagarummaan jiru maalidha?” jedhee gaafate. Obboloonnis, Dhugaa Baatonni Yihowaa maalitti akka amanan Kitaaba Qulqulluu irraa qabxii tokko tokko gabaabsanii ibsaniif. Namichis xiyyeeffannaadhaan kan dhaggeeffate yommuu taʼu, ibsa ifa ta‵e waan isaaf kennaniif baayʼee galateeffate. Achiis obboloonni bifawwan adda addaa jw.org isaaf ibsan; waaʼee Kitaaba Qulqulluu fi barumsawwan isaa caalaatti barachuuf weebsaayitii kana akkamitti fayyadamuu akka dandaʼu isatti argisiisan.

Obbolootaa fi obboleettota keenya Cheek Rippuubliik jiran namoota fudhatan hundaaf “wantoonni gaggaariin akka dhufan misiraachoo” hinaaffaadhaan waan lallabaniif baayʼee isaan dinqisiifanna.—Roomaa 10:15.