Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 13, 2024
CHIILII

Ibiddi Bosona Irraa Kaʼe Chiilii Keessatti Naannoo Vaalpaaraayisoo Jedhamu Barbadeesse

Ibiddi Bosona Irraa Kaʼe Chiilii Keessatti Naannoo Vaalpaaraayisoo Jedhamu Barbadeesse

Guraandhala 2, 2024, ibiddi bosonaa cimaan lama akka itti caalu kan godhe qilleensaa fi hoʼa cimaa qarqara galaanaa Chiilii naannoo Vaalpaaraayisootti uumamedha. Ibiddichi manneen 15,000 olii fi magaalaa Biinyaa deel Maar keessaa fi naannoo ishii uummanni baayʼinaan keessa jiraatan barbadeesseera. Tilmaamaan namoonni gara 40,000 taʼan balaa kanaan miidhamaniiru. Hedduun isaanii ammayyuu ibsaa fi bishaan hin qaban. Namoonni yeroo balaatti gargaarsa kennan bakka balaan gaʼe tokko tokko gaʼuu hin dandeenye. Namoonni hedduun akka miidhaman gabaafameera. Namoonni 130 ol taʼanimmoo duʼaniiru.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Kan nama gaddisiisu, obboleettiin 1 balaa kanaan duuteetti

  • Obboleessa 1 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Obbolootaa fi obboleettota 24 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Obboloonnii fi obboleettonni 715 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru

  • Mana maatii Dhugaa Baatota Yihowaa Biinyaa deel Maar keessatti ibiddaan gubate

    Manneen 72 barbadaaʼaniiru

  • Manneen 2 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Mana 1 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii irra miidhaan hin geenye

  • Tilmaamaan obboloonnii fi obboleettonni 4,700 naannoo balaan kun gaʼe jiraatu

Hojii Gargaarsaa

  • Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa hojii gargaarsaa kana akka qindeessu ramadameera

  • Obbolootaa fi obboloota jajjabeessuuf, waajjira damee Chiilii irraa bakka buʼoonni naannoo balaan gaʼetti ergamaniiru. Kana malees, ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin obboloota miidhaan irra gaʼeef wanta karaa hafuuraa fi karaa qaamaa isaan barbaachisu dhiheessaa jiru

Yihowaan “rakkinaa fi dhiphina” obboloota ibidda bosonaa kanaan miidhaan isaan irra gaʼe hunda akka argaa akka jiruu fi dhiheenyatti bara baraaf balaa uumamaa akka dhabamsiisu amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 10:14.