WAXABAJJII 13, 2022
CHIILII
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Maapuudunguniitiin ni Baʼe
Waxabajjii 5, 2022, obboleessi keenya Jeesan Riid, inni miseensa Koree Waajjira Damee Chiilii ta’e Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Maapuudunguniitiin maxxanfamaanis taʼe bifa dijitaalaatiin baʼuu isaa beeksise. Gumiiwwan guutummaa biyyichaa keessatti Afaan Maapuudungun dubbatan sagantaa isaa karaa viidiyoo kallatiidhaan akka hordofan affeeramaniiru. Dimshaashumatti namoonni gara 800 taʼan argamaniiru.
Namoonni Maapuuchii harka caalaan isaanii kutaa gidduu galaa fi kibba Chiilii fi Arjantiinaa, jechuunis garba Paasifiikii fi Atlaantikii gidduu jiraatu. Taaʼumsi lafaa bosonoota, voolkaanoowwan yeroo kamitti iyyuu dhoʼuu dandaʼan, gaarawwan Aandisii fi dirreewwan balʼaa kan qabu dha. Namoonni Maapuuchii keessummoota kan simatanii fi wantoota qulqulluu taʼaniif ulfina guddaa kan kennani dha.
Kitaabni Qulqulluun gar tokkoon isaa Afaan Maapuudunguniitiin kan baʼe bara 1901 jalqabee ti, hiikkaan Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼataa guutuun isaa immoo bara 1997tti baʼe. Haa taʼu malee hiikkaan sirrii taʼe ni barbaachisa ture. Fakkeenyaaf, hiikkaan bara 1997tti qophaaʼe jecha fannoo jedhu wanta Yesuus irratti duʼe ibsuuf itti fayyadama. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa jecha Afaan Maapuudungun “loog” jedhutti kan fayyadame yommuu taʼu, Yesuus muka solooloo irratti akka fannifame ibsa.
Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa bifa dijitaalaattiin baʼuun isaa utuma ibsamaa jiruu, kitaabni maxxanfame yeruma sana namoota Galmawwan Walgaʼii 23 keessatti saganticha viidiyoodhaan hordofaa turaniif kennamuun isaa baayʼee kan nama dinqisiisu dha. Obboleessi keenya Joorji Goonzaalez inni miseensa Koree Waajjira Damee Chiilii taʼe akkana jedheera: “Namoonni Maapuuchii odeeffannoowwan qulqulluu, kan akka Dubbii Waaqayyoo jiran bifa dijitaalaatiin yommuu baʼu ni shakku. Kanaaf, namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼataa Afaan Maapuudungun baʼe maxxansaan argachuun caalaatti akka isaan gammachiisu ni abdanna.”
Kitaabni Qulqulluun haaraan kun namoonni ‘saba lafa irraa hundumaa’ keessaa dhufan dabalataa Yihowaa akka beekanii fi akka isa waaqeffatan kan gargaaru akka taʼu ni kadhanna.—Isaayaas 2:2.