Dhimma ijoo ta'etti seeni

Chiiliitti naannoowwan Doonihuwee (bitaa) fi Linaarees (mirga) jedhaman lolaadhaan guutamanii

ADOOLESSA 6, 2023
CHIILII

Lolaa Cimaan Chiiliitti Namoota Kuma Kudhaniin Lakkaaʼaman Irra Miidhaa Geessise

Lolaa Cimaan Chiiliitti Namoota Kuma Kudhaniin Lakkaaʼaman Irra Miidhaa Geessise

Waxabajjii 22 hanga 25, 2023​tti, obomboleettii cimaan kibbaa fi giddu galeessa Chiilii rukute bokkaan seentiimeetira 58 ol taʼu akka roobu godheera. Tilmaamaan namoonni 20,000 lolaa kanaan miidhamaniiru. Manneen 5,000 ol taʼanii fi naannoo sana jiran mancaʼaniiru ykn barbadeeffamaniiru. Namoonni kumaan lakkaaʼaman akkuma qeʼee isaanii irraa buqqaʼanitti jiru. Namoonni lama akka duʼan, namoonni lama immoo achi buuteen isaanii akka dhabame gabaafameera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa namni miidhame ykn duʼe hin jiru

  • Babalʼistoonni 212 naannoo sanaa gadhiisanii baʼaniiru

  • Manneen 13 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 38 irra miidhaa xinnoon gaʼeera

  • Galmi Walgaʼii ykn gamoon waaqeffannaatiif tajaajilu kan biraan miidhaan irra gaʼe hin jiru

Hojii Gargaarsaa

  • Namoonni fedhiidhaan of dhiheessanii fi dhibbaan lakkaaʼaman manneen miidhaman qulqulleessuu fi suphuu irratti gargaaraniiru

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin obboloota balaa kanaan miidhaman Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa qabatamaa gochaa jiru

  • Hojii gargaarsaa godhamu akka geggeessuuf Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa 2 hundeeffameera

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya Chiilii jiran jajjabeessuu isaa itti fufuudhaan balaa isaan irra gaʼe kana akka dandamatan akka isaan gargaaru ni kadhanna.—2 Tasalonqee 2:16, 17.