Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 1, 2021
ERTIRAA

Abbootiin Taayitaa Ertiraa Dhugaa Baatuu Yihowaa Sababii Amantii Isaaniitiif Hidhamanii Turan Dabalataa Sadii Mana Hidhaatii Gadhiisaniiru

Abbootiin Taayitaa Ertiraa Dhugaa Baatuu Yihowaa Sababii Amantii Isaaniitiif Hidhamanii Turan Dabalataa Sadii Mana Hidhaatii Gadhiisaniiru

Guraandhala 1, 2021, abbootiin taayitaa Ertiraa obboleessa tokkoo fi obboleettota lama mana hidhaatii gadhiisaniiru. Obboloonni kunneen sababii amantii isaaniitiif waggaa afurii hanga sagal hidhamaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni hafan 20ni amma iyyuu mana hidhaa jiran amanamummaa isaanii akka eegan kadhachuu keenya itti haa fufnu.—2 Qorontos 1:11.