Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 29, 2021
ERTIRAA

Abbootiin Taayitaa Ertiraa Dhugaa Baatuu Yihowaa Tokko Mana Hidhaatii Gadhiisan

Abbootiin Taayitaa Ertiraa Dhugaa Baatuu Yihowaa Tokko Mana Hidhaatii Gadhiisan

Amajjii 29, 2021, obboloota keenya keessaa tokko waggaa 12 oliif erga hidhamee booda mana hidhaatii hiikameera. Kun kan taʼe Dhugaa Baatonni 28 Muddee 4, 2020 erga mana hidhaatii gadhiifamanii booda dha. Obboloonni keenya hiikamuu isaaniitti baayʼee gammanneerra. Obboloonnii fi obboleettonni keenya hafan 23 fi mana hidhaa Ertiraa keessa jiranis akka hiikaman kadhachuu keenya itti fufna.—Ibroota 13:3.