Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Tasfatsiyoon Gabremikaaʼel Ertiraatti waggaa 11f hidhameera

ONKOLOOLESSA 26, 2022
ERTIRAA

Koomiishiniin Mirga Amantii Addunyaa Yuunaayitid Isteetis Dhugaa Baatuun Umurii waggaa 80 taʼeefi Ertiraatti Mana Hidhaa Jiru Akka Hiikamu Gaafate

Koomiishiniin Mirga Amantii Addunyaa Yuunaayitid Isteetis Dhugaa Baatuun Umurii waggaa 80 taʼeefi Ertiraatti Mana Hidhaa Jiru Akka Hiikamu Gaafate

Koomiishiniin Mirga Amantii Addunyaa Yuunaayitid Isteetis haali Obboleessa Tasfatsiyoon Gabremikaaʼel Ertiraatti erga hidhamee waggaa 11 ol taʼe akka isa yaaddesse ibse. Weebsaayitiin dhaabbatichaa, “Tasfatsiyoon umurii waggoota 80manii keessatti kan argamu taʼuunsaa fayyaa fi nageenya isaatiif kan yaaddessu akka taʼe ibseera.” Onkoloolessa 7, 2022 Komiishinar Fireediriik Daav Obboleessi Tasfatsiyoon akka hiikamu gaafate.

Obboleessi Tasfatsiyoon waaʼee amantii isaa namoota kaanitti utuu himuu Adoolessa 20, 2011 qabamee hidhame. Mootummaan bara 1994​tti Dhugaa Baatonni Yihowaa mirga lammummaa akka hin arganne waan dhorkeef, Tasfatsiyoon Ertiraatti kan dhalate taʼullee lammummaa hin qabu.

Obboleessi Tasfatsiyoon Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taʼe Amajjii 1971​tti dha. Tasfatsiyoon jaalala qabeessa, gara laafessa, maatii nagaa qabuu fi hawaasicha keessatti namoota kan gargaaru taʼuudhaan beekama. Bara 1974​tti haadha manaa isaa Lamlamii wajjin gaaʼela godhate. Ishiinis Dhugaa Baatuu Yihowaadha. Ijoollee afurii fi ijoollee ijoolleesaanii shan qabu.

Obboleettiin Lamlam: “Mana hidhaa keessatti fayyaan abbaa manaa koo kan na yaaddessu akkasumas jaalala isaa fi gargaarsa isaa kanan dhabe taʼus Yihowaan akka isa kunuunsu nan beeka. Amanamummaa fi murtoo abbaan manaa kiyya ejjennoo isaa eegee jiraachuuf qabu nan dinqisiifadha. Lallaba 10:4 irratti xiinxaluun koo maatiin keenya rakkoowwan kun irra gaʼu illee akkan tasgabbaaʼu na jajjabeesseera.”

Ertiraan bara 1991 kaasee Dhugaa Baatota Yihowaa irratti ariʼatama geessisaa jirti. Muddee 2020 hanga Guraandhala 2021​tti Dhugaa Baatonni 32 kan hiikaman taʼus, obboloonnii fi obboleettonni keenya 20 amma iyyuu hidhamanii jiru. Hundi isaanii iyyuu hidhaa murtee hin qabne hidhamaniiru. Seeratti iyyatanii falmachuu ykn dhiifama argachuu waan hin dandeenyeef hidhaa umurii guutuu isaanitti ta‵uu danda‵a.

Dhaabbileen mirgoota namummaa addunyaa gurguddoo hedduun gocha Ertiraan mirgoota buʼuuraa cabsuudhaan raawwattu yeroo baayʼee kan balaaleffatan yeroo taʼu bulchiinsichi haalicha akka sirreessus akeekkachiisaniiru. Bara 2016​tti illee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Koomishinariin Gaaffii Mirgoota Namummaa Ertiraa, abbootiin taayitaa Ertiraa Dhugaa Baatota Yihowaa fi warra kaan irratti ariʼatama geessisuudhaan “ilmaan namootaa irratti yakka” akka raawwatan ibseera.

Obboleessa Tasfatsiyoon mana hidhaa tursuun jaarsolii illee dabalatee gara jabina mootummichi Dhugaa Baatotaaf qabu kan argisiisudha. Bara 2011 kaasee Dhugaa Baatonni afur mana hidhaa keessatti duʼaniiru, Dhugaa Baatonni maanguddoo taʼan sadii immoo mana hidhaadhaa erga baʼanii booda gidiraa isaanirra gaʼee tureen kan kaʼe duʼaniiru.

Abbootiin taayitaa Ertiraa gaaffii Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimmichi akka isaaniif ilaalamu kaasan dideera.

Obbolootaa fi obboleettota keenya karaa haqa qabeessa hin taaneen mana hidhaa jiraniif ni kadhanna. Yihowaan isaan gargaaruu isaa akka itti fufu mirkanaaʼoodha.—Ibroota 13:3.