Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dooniiwwan qophii Ruwoon, Faransaayitti godhamu irratti hirmaachaa jiran. Suuraawwan xixinnoo: Gaariiwwan barreeffamaa naannoo qophichi godhamutti dhihoo jiran

HAGAYYA 18, 2023
FARANSAAYI

Lallaba Addabaabayii Argisiisa Doonii Biyyoolessaa Ruwoon, Faransaayitti Geggeeffame Irratti Kenname

Lallaba Addabaabayii Argisiisa Doonii Biyyoolessaa Ruwoon, Faransaayitti Geggeeffame Irratti Kenname

Qophii addaa waggaa afuritti siʼa tokko magaalaa Ruwoon, Faransaayitti godhamu irratti hirmaachuuf dooniiwwan sharaa hedduun kutaa addunyaa adda addaa irraa ni dhaqu. Waggaa kana qophiin kun kan godhame Waxabajjii 8 hanga 18​tti yommuu taʼu, daawwattoonni miliyoona jaʼa taʼanii fi biyyoota adda addaatii dhufan irratti argamaniiru. Tokkoon tokkoo guyyaa qophiin sun itti geggeeffametti, Dhugaa Baatonni Yihowaa magaalattii keessatti bakka adda addaa 12​tti gaarii barreeffamaatti fayyadamanii lallabaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni 600 ol taʼan hojii kana irratti kan hirmaatan yommuu taʼu namoota dhibbaan lakkaaʼaman haasofsiisaniiru.

Namni suuraa kaasuu irraa soorama baʼe tokko obboloota gaariitti fayyadamanii tajaajilaa turanitti dhihaate gaarummaa namootatti argisiisaa jiranii fi simannaa gochaa jiran akka hubate isaanif ibse. Kunis namoonni yeroo ammaatti jiran hedduun jaalala kan hin qabne maaliif akka taʼe ilaalchisee maree dheeraa akka godhan karaa baneera. Yaada 2 Ximotewos 3:1-5 irra jiru erga dubbisanii irratti mariʼatanii booda, birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu fudhate. Achiis teessoo isaa kan isaaniif kenne yommuu taʼu, yeroo itti deebiʼee Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin mariʼatu hawwiidhaan akka eeggatu dubbate.

Yeroo kan biraattimmoo shamarreen tokko gara gaarii barreeffamaatti siqxee akkana jettee gaafatte: “Yesuus duʼee duʼaa kaafameera taanaan, namoonni jaallannu hamma yoonaatti duʼaa kan hin kaafamne maaliifi? Akkoonii fi akaakayyuun koo na jalaa duʼaniiru, deebiʼee isaan argachuun barbaada.” Obboleettiin keenyas viidiyoo Jajjabina Warra Nama Jaalatan Duʼaan Dhabaniif Taʼu jedhamu ishiitti argisiiste. Maree erga godhanii booda birooshuras taʼe affeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu ishiidhaaf dhihaate fudhatteetti.

Obboloonnii fi obboleettonni Faransaayi “misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf” jecha fedhiidhaan of dhiheessuun isaanii baayʼee nu gammachiisa.—1 Qorontos 9:23.