EBLA 17, 2020
FIIJII
Obomboleettiin Haaroldi Jedhamu Odoloota Vaanwaatuu fi Fiijii Irra Miidhaa Guddaa Geessise
Obomboleettiin Haaroldi jedhamuu fi gosa 5ffaatti ramadamu Ebla 5, 2020 odolawwan kaaba Vaanwaatuu keessa qaxxaamuruudhaan miidhaa guddaa geessiseera. Obomboleettiin kun hamma kibbaatti itti fufuudhaan Ebla, 8 kutaa kibba bahaa fi kibba dhihaa odolawwan Fiijii miidhaa wal fakkaatu geessiseera. Akka gabaasni inni jalqabaa dhihaatetti, obboloota keenya keessaa kan miidhame ykn kan duʼe hin jiru.
Espiriituu Saantoo odola Vaanwaatuu isa guddaa fi gara kaabaatti baayʼee dhihaatu keessa babalʼistoota 280 taʼantu jiraata. Akkuma odoloota kaanii odola kana keessattis gamoowwan hedduunii fi midhaan hedduun badeera. Fiijii keessatti tilmaamaan qabeenyi babalʼistoota 260 baayʼee mancaʼeera. Bishaan, ibsaanii fi nyaanni baayʼee muraasa dha.
Waajjirri damee Fiijii gargaarsa meeshaa adda addaa yeroo balaan gaʼu taasifamu qindeessaa jira. Jaarsoliin naannichaa obbolootaa fi obboleettota balaa kanaan miidhaman jajjabeessa jiru. Obboloonni keenya obomboleettii kanaan miidhaman karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa gargaarsi isaaniif godhamaa jiraachuun isaa nu gammachiisa.—Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899.