Dhimma ijoo ta'etti seeni

Apaarii, Filippiinsitti daandii lolaadhaan guutame. Karaa bitaa: Viigan Siitii, Filippiinsitti muka qilleensi jabaan mana irratti jigsee

HAGAYYA 7, 2023
FILIPPIINSI

Obomboleettii Cimaan Bokkaa fi Cabbii Qabuu fi Dooksooriyoo Jedhamu Filippiinsiin Rukute

Obomboleettii Cimaan Bokkaa fi Cabbii Qabuu fi Dooksooriyoo Jedhamu Filippiinsiin Rukute

Adoolessa 26, 2023, obomboleettii cimaan bokkaa fi cabbii qabuu fi Dooksooriyoo jedhamu Apaarii, Kagayaan, Filippiinsi kaabaatti lafti akka sigigaatu godheera. Obomboleettiin cimaan naannoo sanatti Eegaayi jedhamee beekamu kun, saʼaatii tokko keessatti gara kiilomeetira 220 deema. Kana malees biyyattii keessatti naannoowwan hedduutti lolaa cimaan akka gaʼu godheera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Kan nama gaddisiisu, obboleessi tokko bishaaniin waan fudhatameef duʼeera

  • Manneen 2 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 18 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 1 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Jaarsoliin naannoo sanaa obboloota miidhaan irra gaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa barbaachisu gochaa jiru

Yeroo balaawwan uumamaa itti hin jiraanne hawwiidhaan eeggachaa yeroo jirru kanatti, Yihowaan namoota rakkinni gosa hundumaa isaan irra gaʼaa jiru ‘jajjabeessuu fi tasgabbeessuu’ isaa akka itti fufu hawwii keenyadha.—Faarfannaa 94:19.