Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maanilaa, Filippiinsitti Galma Walgaʼii miidhaan irra gaʼe lama

HAGAYYA 5, 2024
FILIPPIINSI

Obomboleettiin Gaamii Naannoo Filippiinsi Hedduutti Lolaa Uume

Obomboleettiin Gaamii Naannoo Filippiinsi Hedduutti Lolaa Uume

Xumura jiʼa Adoolessaa 2024, Obomboleettiin Gaamii a jedhamu baha galaana Paasifiik irratti uumamee ture. Obomboleettiin hamaan kun Filippiinsiin rukutuu baatus, bokkaa cimaan akka roobu godheera, naannoo hedduutti miidhaa cimaa fideera, lolaa cimaa uumeera, magaalaa guddittii Maanilaa fi naannoo ishiitti sigigaachuu lafaa geessiseera. Tilmaaman namoonni gara miliyoona 4.8 taʼan miidhamaniiru. Namoonni 600,000 ol taʼan qeʼeesaaniirraa buqqaʼaniiru, yoo xinnaate namoonni 39 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼe ykn kan miidhame hin jiru

  • Babalʼistoonni 155 naannoo sanaa akka baʼan kan godhame taʼus amma mana isaaniitti deebiʼaniiru

  • Manneen 2 guutummaatti badaniiru

  • Manneen 11 irra miidhaa cimaan gaʼeera

  • Manneen 42 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 11 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa 6 hundeeffamanii hojjechaa jiru

  • Ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin naannoo sanaa obboloota lolaadhaan miidhaman irra gaʼee Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii jajjabeessaa fi gargaarsa barbaachisu gochaa jiru

Bitaa: Obboloonnii fi obboleettonni meeshaa gargaarsaa yeroo qopheessan (gubbaa) fi bishaan qabatanii deeman (jala) namoota gargaarsa barbaadaniif

Mirga: Obboleessi tokko obboleettii lolaadhaan miidhaan irra gaʼeef wanta barbaachisu kennaa jira

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaaf gargaarsa gochuudhaan ‘tasgabbii waan kennuuf’ ni galateeffanna akkasumas namoota miidhaan irra gaʼe hundaaf kadhachuu keenya itti fufna.—Isaayaas 33:6.

a Obomboleettiin kun Filippiinsitti Super Typhoon Carina jedhamee waamama.