Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 25, 2023
GIRIIS

Falmii Kookinaakiisii fi Giriik gidduutti godhamerratti, murtiin Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Dabarse, Waggoota 30 Boodas Ammayyuu Buʼaa Guddaa Argamsiisaa Jira

Murtoon Kun, Guutummaa Awurooppaa Keessatti Mirgi Amantii Akka Eegamu Taasiseera

Falmii Kookinaakiisii fi Giriik gidduutti godhamerratti, murtiin Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa Dabarse, Waggoota 30 Boodas Ammayyuu Buʼaa Guddaa Argamsiisaa Jira

Caamsaa 25, 2023​tti, murtoo dinqisiisaan Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa waggaa 30 dura falmii Giriikii fi Kookinaakiis gidduutti godhamerratti dabarse ni yaadatama. Murtoon kun, ogeeyyii seeraa biratti iddoo guddaa qaba. Manni murtii kun, biyyi tokko mirga amantii akka sarbite ibsuudhaan yeroo itti murteessu kun isa jalqabaa ture. Murtoon kun, bara 1993 kaasee, mirga amantii kabajuurratti biyyoota 46n miseensota mana maree Awurooppaa taʼaniif buʼuura taʼeera. Biyyoonni akka Raashiyaa mirga waaʼee amantii keenyaa namoota kaanitti bilisummaadhaan himuuf qabnu yeroo sarban kanatti, murtoon kookinaakiisiif murteeffame kun murtoowwan kaan irrattis mana murtii kana ni gargaara.

Hanga harʼaatti, manni maree Awurooppaa, murtoo manni murtii mirgoota namummaa Awurooppaa mirga amantii kabachiisuuf dabarse yeroo ibsanitti dhimma Kookinaakiis caqasu. Dhimmi kun barumsa seeraa keessattis kan caqasamu yommuu taʼu, ol iyyannoo Mana Murtii Awurooppaatiif dhihaatu keessattis ni caqasama.

Murtoon Kookinaakiisiif murteeffame, “jechaanis taʼe gochaan dhugaa baʼuun barumsa amantii wajjin akka wal qabatu” argisiisa. Murtoon kun, “Amantii ofii bilisummaadhaan ibsachuun . . . fakkeenyaaf ollaa ofii ‘barsiisuudhaan’ amansiisuu akka dabalatu” mirkaneessa.

Abbootii murtii Mana Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa dhimma kanarratti hirmaatan keessaa tokko kan taʼan Abbaan Murtii Dee Meeyer, yaada isaanii yeroo ibsan, “waaʼee amantii ofii hinaaffaadhaan warra kaanitti himuun yakka miti; kanaa mannaa fudhatama kan qabuu fi amantii ofii babalʼisuuf kan gargaarudha” jedhaniiru.

Murtoon seena qabeessi kun, buʼaa waldhaansoo seeraa obboleessi keenya Miinoos Kookinaakiis gara jaarraa walakkaatiif godheeti. Angawoonni Giriik, bara 1938​tti, seera abbaa irree Iyoowaaniis Metaksaas Metaxas baase cabsuudhaan, ‘waaʼee amantii keetii namoota kaanitti himteetta’ jedhanii Miinoosiin hidhan. Miinoos yeroo sanatti umuriinsaa waggaa 30 kan ture yommuu taʼu, Dhugaa Baatota Yihowaa sababii seeraa kanaatiin bara 1938 hanga 1992​tti hidhaman 19,147 keessaa isa jalqabaa ture. Waggoottan kana keessatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa ni doorsifamu, mirgi isaanii ni sarbama, miidhaan qaamaan isaanirra gaʼa ture.

Miinoos garuu sodaa tokko malee tajaajila isaa itti fufee ture. Kanaan kan kaʼes, siʼa 60 ol hidhameera, manneen murtii Giriikii duratti siʼa 18 dhihaateera, waggaa 6 ol mana hidhaa keessattii fi boojuudhaan dabarseera, akkasumas adabbii hedduu akka kaffalu taasifameera.

Dhumarrattis, bara 1993​tti, Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa, Giriik mirga amantii obboleessa keenya Miinoos akka sarbite kan murteesse yeroo taʼu, yeroo kanatti umuriin Miinoos waggaa 84 ture. Achiis manni murtichaa mootummaan Giriik miidhaa waggoota hedduudhaaf Miinoos irraan gaʼeef akka isa kiisuu fi baasii seeraa inni baase hunda akka isaaf kaffalu murteesse. Miinoos umurii isaa isa hafetti Qarxees keessa kan jiraate yommuu taʼu, achiis bara 1999​tti umuriisaa waggaa 90​tti duʼaan boqote.

Abbaan Murtii Dee Meeyer Miinoos yakkamaa akka hin taanee fi ‘kan itti murteeffame amantii isaatiif hinaaffaa waan qabuu qofa’ akka taʼe mirkaneessaniiru.

Abbaa seeraa Dhugaa Baatota Yihowaa kan taʼe Filiip Biruumleey, murtoon kun dhimmoota seeraa yeroo harʼaa uumaman keessatti iddoo guddaa akka qabu yommuu ibsu, “Murtoon Kookinaakiisiif murteeffame warri kaan waaʼee amantii isaanii namoota kaanitti himuuf mirga akka argatan godheera. Murtoon kun bilisummaa amantii wajjin haala walqabateen murtoo seena qabeessa Manni Murtii Mirgoota Namummaa Awurooppaa godhee fi Awurooppaadhaa alattillee yeroo baayʼee caqasamudha” jedheera.

Yihowaan, Kookinaakis injifannoo akkasii akka argatu waan gargaaree fi murtoon kunis buʼaawwan hedduu akka argamsiisu waan godheef baayʼee isa galateeffanna. “Misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf” yeroo carraaqnu kanatti, ogummaa fi qajeelfama inni nuuf kennuufis baayʼee isa galateeffanna.—Filiphisiyus 1:7.