Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 18, 2020
HINDII

Gareewwan Hiikkaa Hindii Rakkoowwan Yeroo Dhibee Daddarbaatti Isaan Mudatan Moʼaniiru

Gareewwan Hiikkaa Hindii Rakkoowwan Yeroo Dhibee Daddarbaatti Isaan Mudatan Moʼaniiru

Dhibee daddarbaan COVID-19 waajjiroota hiikkaa fagoo (RTOs) Hindii 11 warra barreeffamoota keenyaa afaanota 36⁠tti hiikan irratti rakkina addaa uumeera. Gareewwan hiikkaa kun gargaarsa Yihowaatiin rakkoowwan kana moʼuudhaan hojii isaanii itti fufaniiru.

Hojiin hiikkaa baayʼeen isaa waliin hojjechuu gaafata. Haa taʼu malee, yommuu COVID-19 babalʼachaa deemetti, Hindiitti manaa baʼuun waan dhorkameef, obboloonni hojii hiikkaa hojjetan qaamaan wal arguu dadhaban. Obboloonni hojii waraabbii sagalee fi viidiyoo irratti hojjetanis qaamaan wal arguu hin dandeenye.

Kanaafuu, waajjiroota Hiikkaa Fagootti, qaamaan wal arganii waliin hojjechuun, viidiyookonfiraansii fi waraabbii fageenya irratti godhamuun bakka buufame. Malli kun hiiktonni, obbolootaa fi obboleettota biyyoota kan akka Baangilaadeshii fi Yunaayitid Isteetis jiran irraa gargaarsa akka argatan godheera.

Kana malees, obboloonni qaamaan utuu walitti hin dhihaatin, malawwan haaraa viidiyoowwan afaan mallattoo waraabuuf gargaaran uumaniiru. Hiiktonni tokko tokko kutaa ciisichaa isaanii istuudiyootti kan jijjiiran siʼa taʼu, kaartooniidhaan teessuma kaameeraa hojjechuu, akka kaameeraatti immoo moobaayilii fayyadamuudhaan miʼawwan yeroodhaaf gargaaran qopheessaniiru.

Hiiktonni Waajjira Hiikkaa Fagoo jiran wantoota kana fayyadamuu malees, ilaalcha sirrii qabaachuu fi buʼa qabeeyyii taʼuuf gargaarsa Yihowaatti amanamaa jiru. Isaan keessaa tokko tokko yaadawwan itti aansee jiru dubbataniiru:

Obboleessi Joosee Firaanseen inni Koolkaataa jiru, “Namoonni yeroo haala rakkisaa keessa taʼanitti, rakkina qofatu isaanitti mulʼata, Yihowaan garuu furmaata isaa ni arga” jedheera.

Obboleettii Binduu Chaandaan ishiin Baangaloor jirtu, “Yihowaan yeroo rakkisaa kanatti natti fayyadamaa akka jiru beekuun koo rakkinni jiraatus, gammachuu guddaa naaf argamsiisa” jetteetti.

Obboleettii Ruubinaa Paateel ishiin Vaadoodaaraa jirtu, miira ishii yommuu ibsitu, “Vaayirasii koronaa illee yoo taʼe, Yihowaa fi jaarmiyaa isaa wanti dhowwuu dandaʼu hin jiru” jetteetti.

Obbolootaa fi obboleettota keenya dhimmanii hojii hiikkaa hojjetanitti ni boonna. Hafuurri Qulqulluun inni humna guddaa qabu milkaaʼina akka argatan akka isaan gargaaree fi hafuurri kun raajiin Yesuus, “misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama” jechuudhaan dubbate akka raawwatamu akka godhu mirkanaaʼoo dha.—Maatewos 24:14.