Dhimma ijoo ta'etti seeni

ONKOLOOLESSA 30, 2020
HINDII

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaanota Hindii Sadiin Baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraa Afaanota Hindii Sadiin Baʼe

Dilbata Onkoloolessa 25, 2020 Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaanota Hindii sadiin, jechuunis afaan Gujaraatii, Kannaadaa fi Puunjaabiin baʼe. Kitaabonni Qulqulluun kun kan baʼan bifa elektirooniksiitiin siʼa taʼu, haasaan dhihaate dursee kan waraabame ture. Babalʼistoonni mana isaaniitii saganticha ilaalaniiru. Saganticha booda yeruma sana afaan isaaniitiin Kitaaba Qulqulluu buufachuu dandaʼaniiru.

Gujaraatii

Addunyaa maratti tilmaamaan namoonni miliyoona 61 afaan Gujaraatii ni dubbatu. Kitaaba Qulqulluu kana hiikanii xumuruuf, gareen lama kan hiiktota jaʼa qabatan waggaa torbaaf hojjetaniiru. Miseensi hiikkaa tokko akkas jetteetti: “Kitaabni haaraan kun baʼuun isaa garaa keenya gammachuudhaan guuteera. Afaan salphaa ijoolleen illee hubachuu dandaʼan fayyadama.”

Miseensi hiikkaa kan biraanis akkas jetteetti: “Maqaan Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti bakka jalqaba turetti deebiʼeera. Obboloonnii fi obboleettonni keenya Kitaaba Qulqulluu kana qoʼannaa dhuunfaa isaanii irratti yommuu fayyadaman amantiin isaanii akka cimu beekna.”

Hiikni hubachuuf salphaa taʼe kun sammuu dubbistootaa irratti dhiibbaa cimaa akka godhuu fi ‘garraamonni’ daandii Yihowaa akka baratan akka gargaaru amanannaa qabna.—Faarfannaa 25:9.

Kannaadaa

Afaan Kannaadaa isa dubbatamuu fi barreeffamu gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Afaan inni dubbatamu naannoo naannootti garaagarummaa guddaa qaba. Kanaafuu, hiiktotaaf wanti rakkina guddaa taʼe ergaa Kitaaba Qulqulluu utuu hin hambisin jechoota ifaa fi salphaatti hubataman fayyadamuu ture.

Hiikka kana xumuruuf waggaa torbaa ol fudhateera. Pirojektiin kun hiiktonni kudhan qindoominaan hojjechuu gaafateera. Miseensi hiikkaa tokko akkas jetteetti: “Sababa weerara COVID-19tiin Kitaabni Qulqulluun kun hanga 2021⁠tti akka hin baane yaadeen ture. Taʼus hiikkaan kun baʼuun isaa wanti kam iyyuu hojii Yihowaa akka hin dhaabsisne argisiisa.”

Miseensi hiikkaa kan biraanis akkas jedheera: “Namoonni afaan Kannaadaa dubbatan amma afaan isaaniitiin dubbii Yihowaa dubbisuu fi maqaa isaa Kitaaba Qulqulluu keessaa iddoo sirrii taʼe hundatti arguu dandaʼuun isaanii baayʼee nama ajaaʼibsiisa.”

Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu kun babalʼistoota afaan Kannaadaa dubbatanii fi waajjira damee Hindii jalatti argaman 2,800 ol taʼan akka gargaaru amanannaa qabna. Kana malees, namoota gara miliyoona 46 addunyaa maratti argaman gara ‘badhaadhina, ogummaa fi beekumsa Waaqayyoo isa gad fagootti’ harkisuuf ni gargaara.—Roomaa 11:33.

Puunjaabii

Gareen hiikkaa Hiika Addunyaa Haaraa afaan Puunjaabii hiiktota jaʼa kan qabate siʼa taʼu, pirojektii kana irratti waggaa 12 hojjetaniiru. Hiikni kun Hindii fi addunyaa maratti namoota miliyoona 100 ol afaanicha dubbatan ni fayyada.

Miseensa hiikkaa kana keessaa tokko akkas jetteetti: “Nuti wanta qabnu muraasaan wanta dandeenye gooneerra. Hojicha hojjennee akka xumurru Yihowaan nu gargaaraa ture. Kitaabni Qulqulluun kun amantii obboloota keenyaa cimsa, garaa isaanii dhiphate tasgabbeessa akkasumas rakkina fuulduratti isaan mudatu dandamachuuf isaan gargaara.”

Miseensi hiikkaa kan biraanis akkas jedheera: “Namoonni garaa qajeelaa qaban Kitaaba kana dubbisuudhaan ni gammadu, keessumaa kitaabota bifa walalootiin jiran. Bifa adda addaa hiikkaa kanaa qorannoo gochuuf gargaaran hunda irraa ni fayyadamu.”

“Wantoota dinqisiisoo hedduu” ‘lakkoofsi isaanii gita hin qabne’ Yihowaan raawwate hundaaf obboloota keenyaa wajjin taʼuudhaan dinqisiifannaa keenya ni ibsina.—Faarfannaa 40:5