Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 28, 2021
HINDII

Hindiitti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Taamilii Qubee Roomaaniitiin Qopheeffame ni Baʼe

Hindiitti Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Taamilii Qubee Roomaaniitiin Qopheeffame ni Baʼe

Waxabajjii 27, 2021, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Taamilii qubee Roomaaniitiin qopheeffame baʼeera. Sagantaan dursee waraabame obbolootaa fi obboleettota Afaan Taamilii dubbatanii fi biyyoota 16 keessa jiraataniif tamsaafameera.

Hojii Kana Ilaalchisee Ibsawwan Tokko Tokko

  • Afaan Taamilii addunyaa maratti tilmaamaan namoota miliyoona 85 taʼantu dubbata

  • Babalʼistoonni 20,500 ol taʼan Afaan Taamiliin gumiiwwan 334 fi gareewwan 32 taʼan keessatti tajaajilaa jiru

  • Hiiktonni 5 hojii kana xumuruuf jiʼa jaʼa isaanitti fudhateera

Hiikni Addunyaa Haaraa qubee Afaan Taamiliin qopheeffame Fulbaana 2016⁠tti baʼee ture. Kitaabni Qulqulluun kun namoota addunyaa maratti afaan Taamilii dubbataniif eebba guddaa taʼeera. Haa taʼu malee namoonni Afaan Taamilii dubbatan tokko tokko qubee Taamilii dubbisuun waan isaanitti ulfaatuuf qubee Roomaanii filatu.

Obboleettiin hojii hiikkaa irratti hirmaattu tokko qoʼannaa dhuunfaa ishii ilaalchisee akkana jetteetti: “Qubee Taamilii dubbisuuf qabsoo gochaa waanan tureef hiikkaa Ingiliffaa ilaaluu na barbaachisa ture. Hiikni inni haaraan kun garuu baayʼee na gargaareera.”

Hiikkaan Kitaaba Qulqulluu kun obboloonnii fi obboleettonni hedduun Dubbii Waaqayyoo ‘sagalee isaanii gad qabanii’ akka dubbisaniif, akkasumas jireenya isaanii fi tajaajila isaanii irratti gammachuu fi milkaaʼina argachuuf akka isaan gargaaru amanannaa guddaa qabna.—Iyyaasuu 1:8.