Dhimma ijoo ta'etti seeni

SADAASA 28, 2023
HINDII

Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Koonkaniitiin (Roomaan) ni Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Koonkaniitiin (Roomaan) ni Baʼe

Sadaasa 17, 2023, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Koonkaniitiin (Roomaan) ni baʼe. Maxxansi bifa dijitaalaatiin qophaaʼe yeruma sana namoota 413 Walgaʼii Naannoo 2023 “Obsaa”! jedhamuu fi Maargaawoo, Hindiitti godhame irratti argaman argachuu dandaʼaniiru. Inni maxxanfame immoo dhiheenyatti baʼa.

Afaan Koonkanii namoota miliyoona sadii ol taʼanii fi qarqara dhiha Hindii jiraataniin kan dubbatamu yommuu taʼu, qubee adda addaa shaniin barreeffama. Namoonni gara 500,000 bulchiinsa Gooʼaa, Hindii keessa jiraatan qubee Afaan Koonkaniitiin (Roomaanii) fayyadamu. Yeroo ammaatti babalʼistoonni 400 ol taʼan gumii Afaan Koonkaniitiin (Roomaanii) geggeeffamu torba keessatti tajaajilaa jiru. Kitaabni kun baʼuu isaa dura Afaan Koonkaniitiin (Roomaanii) hiikkaa Kitaaba Qulqulluu tokko qofatu jira.

Hiikkaa haaraa kana irratti afaan ammayyaaʼaa salphaatti namaaf galuu kan fayyadamu taʼuun isaa amalawwan Yihowaa salphaatti hubachuuf nama gargaara. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Hiikkaan kanaan dura itti fayyadamaa turre wanta Yesuus Yohaannis 21:17 irratti itti fayyadame ‘hoolota koo soori’ jedha ture. Hiikni Addunyaa Haaraa garuu ‘ilmoolee hoolaa koo soori’ jedha. Ibsi kun Yihowaa fi Yesuus duuka buutota isaanii ajajamoo taʼan hammam akka jaallatan xiinxaluuf na gargaareera.”

Hiikka haaraa kana argachuu keenyatti Yihowaa guddaa galateeffanna. Namoonni dabalataa hedduun amalawwan dinqisiisaa Yihowaa akka beekanii fi isaa wajjin michummaa uumuuf fedhii akka qabaatan kan isaan gargaaru akka taʼu amanannaa guddaa qabna.—Faarfannaa 25:14.