Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obbolootaa fi obboleettota hedduu namoota bakka odeeffannoo mata duree “Kitaaba Bara Durii Ammayyaaʼaa Taʼe” jedhu qabu dhufan simatan

SADAASA 24, 2023
IKUWAADOR

Kitaabni Bara Durii Ammayyaa Taʼe Argisiisa Kitaabaa Biyyoolessaa Ikuwaadoritti Geggeeffame Irratti Dhihaate

Kitaabni Bara Durii Ammayyaa Taʼe Argisiisa Kitaabaa Biyyoolessaa Ikuwaadoritti Geggeeffame Irratti Dhihaate

Fulbaana 20 hanga 24, 2023, Argisiisni Kitaabaa Biyyoolessaa salgaffaan Guwaayaakil, Ikuwaadoritti geggeeffamee ture. Namoonni 30,000 ol taʼan qophii Egzibiishinii Guwaayaakilitti taasifame kana dhufanii daawwataniiru. Obboloonni keenya argisiisa kitaabaa sana irratti bakka odeeffannoo kennuuf qophaaʼe irratti mata duree hawwataa “Kitaaba Bara Durii Ammayyaaʼaa Taʼe” jedhu maxxansanii turan. Egzibiishiniin kun ergaan Kitaaba Qulqulluu namoota umurii kam irratti iyyuu argamaniif faayidaa guddaa akka qabu ibseera. Namoonni barreeffamoota Afaan Chaayinaa Mandariinii, Ingiliffa, Afaan Poortugaal, Kiichiwaa (Kiimbooraazoo), Kiichiwaa (Imbaaburaa) fi Afaan Ispaanishiitiin argachuu dandaʼu turan. Obboloonnii fi obboleettonni gara 150 taʼan qophii kana irratti hirmaataniiru. Namoota fedhii argisiisaniif barreeffamoonni 700 ol raabsamaniiru, akkasumas namoota daawwatan keessaa hedduu isaaniitti jw.org irraa mata dureewwan adda addaa akkamitti qorannaa gochuun akka dandaʼamu isaanitti argisiifameera.

Obboleettiin tokko jw.org irraa akkamitti barreeffama buufachuun akka dandaʼamu nama tokkotti argisiisaa jirti

Abbaan ijoollee umurii waggoota kurnanii keessatti argaman qabu tokko gara bakka odeeffannoo kennuuf qophaaʼe dhaqee haali rakkisaan ijoollee isaa mudachaa jiru baayʼee akka isa yaaddesse dubbate. Obboloonni keenya qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu yeroon kan isaanitti hin darbine akka taʼan erga isaaf ibsanii booda, haala rakkisaa isaan mudatu kam iyyuu karaa buʼa qabeessa taʼeen akka moʼan gargaaruun akka dandaʼamu itti himan. Namni sun kitaabota Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1 fi 2 erga fudhatee booda, “Kitaabota hamma kana odeeffannoo hedduu faayidaa guddaa qabu akkasii nan argadha jedhee matumaa hin eegne” jedhe.

Dubartiin tokko bakka odeeffannoo kennuuf qophaaʼe dhaqxee Kitaaba Qulqulluu akka ishiidhaaf kennaniif gaafatte. Naannoo eegumsi cimaan godhamuuf keessa waan jiraattuuf, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguun baay‵ee ulfaataa akka ta‵e ibsite. Obboleettiin keenya Kitaaba Qulqulluu kan ishiidhaaf kennite yommuu taʼu, qophii kaffaltii malee Kitaaba Qulqulluu itti qoʼachiisnu itti himte. Sana booda, dubartiin sun jw.orgitti fayyadamtee dhufanii akka ishii gaafatan gammachuudhaan gaafatte.

Dhugaa Baatonni bakka odeeffannoon kennamutti nama tokko yommuu haasofsiisan

Obboleessi Diyeegoo jedhamuu fi qophii kana irratti hirmaatee ture akkana jedheera: “Namoonni hedduun maqaa jw.org jedhamu kan beekan taʼanis, namoonni tokko tokko waaʼee ergaa keenyaa waan baayʼee hin beekan. Qophiin kun Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti faayidaa guddaa akka qabu akka hubatan akka isaan gargaare natti dhagaʼama.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Ikuwaador jiran ogummaa guddaa Kitaaba Qulqulluu isa kitaaba durii ammayyaaʼaa taʼe keessa jiru akka hubatan namoota hedduu gargaaruu dandaʼuun isaanii baayʼee nu gammachiiseera.—Fakkeenya 3:21.