FULBAANA 7, 2021
IKUWAADOR
Manni Murtii Heera Mootummaa Ikuwaador Mirga Dhugaa Baatonni Yihowaa Bilisummaadhaan Waaqeffachuuf Qaban Deggereera
Hagayya 24, 2021tti, Dhugaa Baatonni Yihowaa Ikuwaadoritti injifannoo seeraa guddaa argataniiru. Manni Murtii Heera Mootummaa, hawaasni Saan Gu’aan Dee Ilumaan inni kutaa biyyaa Imbaaburaatti argamu mirga waaqeffannaa akka sarbe murteesseera. Murtoon Mana Murtii kanaa namoota Ikuwaador, keessumaa immoo namoota dhalattoota biyyichaa gidduu jiraataniif mirga bilisummaadhaan waaqeffachuu argamsiiseera; akkasumas murtoo biyyoota biraatti kennamuuf buʼuura taʼa.
Bara 2014tti geggeessitoonni hawaasichaa hojii ijaarsaa Galma Walgaʼii dhaabsisuuf humnaan mooraa Dhugaa Baatota Yihowaa keessa seenanii turan. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni keenya waaqeffannaadhaaf akka walitti hin qabamnee fi manaa gara manaa akka hin tajaajille isaan dhowwanii turan. Obboloonni keenya dhimma kana gara mana murtiitti geessan. Haa taʼu malee, abbootiin murtii mana murtii naannoo sanaa lama mirgi heeraan isaaniif kenname akka hin sarbamne ibsuudhaan Dhugaa Baatotatti murteessan.
Obboloonni rakkinicha naannoo sanatti furuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda erga godhanii booda, dhimmicha gara Mana Murtii Heera Mootummaa isa biyyichatti iddoo ol aanaa qabutti geessan. Manni murtii Heera Mootummaa kun manneen murtii dakaa mirga waaqeffannaa Dhugaa Baatotaa akka sarban ibse. Geggeessitoonni hawaasichaa fi abbootiin murtii dhimma kana irratti hirmaatan barumsa wal dandaʼuu amantaa fi aadaa ibsu akka baratan ajajaman. Kana malees, geggeessitoonni hawaasaa kun ‘namoonni amantaa fi aadaa garaa garaa qaban nagaadhaan akka waliin jiraatan akka gargaaran, keessumaa immoo amantaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif eegumsa akka godhan’ itti himame.
Filiip Bruumlii, inni Dhugaa Baatota Yihowaatiif dhimma seeraa irratti gorsa kennu akkana jedheera: “Seerri hawaasichaa aadaa hawaasichaa eeguuf gargaaruun isaa gaariidha, seera kanatti fayyadamanii mirga lammiilee kaanii sarbuun garuu matumaa sirrii miti.”
Dhugaa Baatonni Yihowaa Saan Gu’aan Dee Ilumaan keessa jiraatan murtoo manni murtii sun murteessitti gammadaniiru.
Obboloonnii fi obboleettonni keenya injifannoo seeraa mirga waaqeffannaa isaaniitiif eegumsa godhu yeroo argatanitti “harka Yihowaa” arguu keenyatti gammanneerra.—Fakkeenya 21:1.