Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboloonni keenya mana maatii Neenoosoobaan warra Kupaangi, Indooneeshiyaa jiraatanii ijaaraa jiru

WAXABAJJII 24, 2021
INDOONEEZYIYAA

Hojiin Gargaarsaa Indooneeshiyaatti Godhame Tokkummaa Obbolootaa Gidduu Jiru Cimseera; Dhugaa Baʼiinsa Gaariis Taʼeera

Hojiin Gargaarsaa Indooneeshiyaatti Godhame Tokkummaa Obbolootaa Gidduu Jiru Cimseera; Dhugaa Baʼiinsa Gaariis Taʼeera

Ebla 4, 2021⁠tti, obomboleettiin Seroojaa jedhamu Indooneeshiyaatti balaa cimaa geessise. Hojiin Gargaarsaa godhame manneen obboloota keenyaa suphuu malees jaalala obboloota keenya gidduu jiru cimseera; akkasumas namoonni dhimmicha ilaalan Yihowaa akka jajatan isaan kakaaseera.

Obboleettiin keenya Eelii Luudjiipaayuu ishiin haadha qeenxee taate manni ishii jalaa diigamee ture; taʼus Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa manicha ishiif ijaaran. Ishiinis akkana jetteetti: “Ijoollee koo wajjin kophaa koo kanan jiraadhu taʼus, obboloonnii fi obboleettonni koo gargaarsa wal irra hin cinne waan naa godhaniif matumaa kophummaan natti dhagaʼamee hin beeku.” Obboleettiin Yuuliyaanaa Bayunseelii jedhamtu immoo akkana jetteetti: “Balaan sun gaʼee utuma baayʼee hin turin obboloonni na gargaaruuf dhufuun isaanii, Yihowaan akka naaf yaadu isa kanaan duraa caalaa mirkanaaʼaa taʼeeraa.”

Obboleessi Koree Gargaarsaa Yeroo Balaa keessa hojjetuu fi Dikii Toom jedhamu akkana jedheera: “Yihowaan obbolootaa fi obboleettota gargaaruu isaa arguu kootti gammachuu guddatu natti dhagaʼame. Gargaarsa isaaniif godhameef galateeffannaa guddaa qabachuun isaanii baayʼee nu jajjabeesseera. Eegumsaa fi gargaarsa Yihowaatti amanamuun isaaniis amantii keenya nuuf cimseera.”

Jaalala hojiidhaan argisiifame kana kan argan obbolootaa fi obboleettota keenya qofa miti. Obboleessi keenya Moorseel Banuunaayeekii fi maatiin isaa naannoo namoonni sanyiidhaan wal qoqqoodan keessa jiraatu. Olloonni isaa Dhugaa Baatota Yihowaa ni mormu turan. Haa taʼu malee, obboleessi keenya Banuunaayeek olloonni isaa gargaarsa obboloonnii fi obboleettonni sanyii garaa garaa taʼan maatii isaatiif godhan yommuu argan akkana isaan jedhan: “Dhugaa Baatonni Yihowaa waaʼee isaanii wanta nutti himame irraa baayʼee adda dha.” Obboleessi keenya Banuunaayeek akkana jedheera: “Olloonni keenya jaalalaa fi tokkummaa keenya yommuu argan baayʼee dinqisiifaman. Firoonni keenyas gaarummaa obbolootaa fi obboleettota keenyaa arganiiru. Amma waaʼee wantoota itti amannuu nu gaafachuu jalqabaniiru. Jaalala obboloonnii fi obboleettonni keenya nutti argisiisaniif baayʼee galateeffanna.”

Maatiin Neenoosoobaan mana isaanii isa haaraa bira dhaabbatanii jiru

Hoogantuun mootummaa naannoo sanaa Aaddee Yoosii Dulii Otuun, Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa qindoominaan hojjechuudhaanii fi qajeelfama kooviid 19 ilaalchisee kenname hojii irra oolchuudhaan “fakkeenya gaarii” akka taʼu dubbatteetti. Itti dabaluudhaanis Koree Gargaarsaa Yeroo Balaatiin akkana jetteetti: “Wanti isin michoota keessaniif gootan baayʼee na dinqisiiseera. Yeroo balaan isaan irra gaʼutti daftanii gargaarsa isaaniif gootu. Gargaarsaa gochuuf akka gaariitti qindooftaniittu; meeshaalee hojichaaf barbaachisanis qabdu.”

Balaan gaʼu qabeenya mancaasuu kan dandaʼu taʼus, jaalalaa fi tokkummaa Kiristiyaanota dhugaa gidduu jiru garuu mancaasuu hin dandaʼu. ‘Hojii gaariin’ tokkummaa obboloota keenya gidduu jiru cimsuu isaa fi namoonni kaan Yihowaadhaaf “ulfina akka kennan” isaan kakaasuu isaa arguun keenya baayʼee nu gammachiisa!—Maatewos 5:16.