SADAASA 23, 2022
INDOONEEZYIYAA
Kirkirri Lafaa Indoonezyiyaa Rukute
Sadaasa 21, 2022, kirkirri lafaa rektarskeelii 5.6 taʼu Indoonezyiyaa naannoo magaalaa Siyaanjur ishii Dhiha Jaavaatti argamtu rukute; namoonni 260 ol taʼan duʼaniiru, akkasumas dhibbaan kan lakkaaʼaman madaʼaniiru. Namoonni baayʼeen achi buuteen isaanii dhabameera; kumaan kan lakkaaʼaman immoo buqqaʼaniiru. Humni elektiriikii ciccituun isaa wal quunnamuun ulfaataa akka taʼu godheera.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Keenya Irra Gaʼe
Obbolootaa fi obboleettota keenya keessaa kan duʼe hin jiru, babalʼistoota 132 naannoo balaan kun itti uumame jiraatan keessaa kan bade hin jiru
Manneen 5 taʼanirra miidhaa salphaan gaʼeera
Galmi Walgaʼii ykn Galmi Walgaʼii Guguddaan miidhaan irra gaʼe hin jiru
Hojii Gargaarsaa
Kirkirri lafaa kan biraan yoo mudate akka isaan gargaaraniif obbolootaa fi obboleettota maanguddoota taʼan hundumaaf babalʼistoonni ramadamaniiru
Koreen Gargaarsaa Yeroo Balaa gumiiwwan akka gargaaruuf muudameera
Daawwattoonni olaanoon gumiiwwan miidhaan kun irra gaʼeef jajjabina Kitaaba Qulqulluurraa argamu hiraa jiru
Namoonni hojii gargaarsaa kanarratti hirmaatan qajeelfama fayyaa Kooviid 19 ilaalchisee baʼeen hojii isaanii raawwataa jiru
Yeroo dhiphisaa taʼe kanatti Yihowaan obboloota keenya akka jajjabeessu mirkanaaʼoodha.—Faarfannaa 50:15.