GURAANDHALA 3, 2021
INDOONEEZYIYAA
Lolaa Cimaan Indooneezyiyaa Irra Balaa Guddaa Geessise
Iddoo
Kibba Kaalamaantaan, Kaaba Sulaaweesii fi Kaaba Malakaz
Balaa
Amajjii 2021tti lolaa cimaan gaʼuun isaa fi lafti sigigaachuun isaa miidhaa guddaa geessiseera. Kanaan kan kaʼes namoonni hedduun qeʼee isaanii gadhiisanii baʼuuf dirqamaniiru
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe
Babalʼistoonni 90 taʼan yeroodhaaf naannoo sana gadhiisanii baʼaniiru
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen 3 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Hojii gargaarsaa
Jaarsoliin saffisaan deebii kennuudhaan babalʼistoonni naannoo sana gadhiisanii akka baʼan gargaaraniiru. Kana malees, jaarsoliin bakka yeroodhaaf keessa turan, nyaataa fi wantoota barbaachisan kaan akka argatan qophii godhaniiru
Babalʼistoonni gumiiwwan naannoo sana jiran manneen mancaʼan qulqulleessuu fi suphuu irratti gargaarsa godhaniiru
Ilaaltonni ol aanaa aanaa yaada nama jajjabeessu Kitaaba Qulqulluu irraa obboloota miidhaan isaan irra gaʼeef hiraniiru
Obboloonni hojii gargaarsaa kana irratti hirmaatan hundi qajeelfama COVID-19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname hordofaniiru
Yihowaan obboloota jaalala qabeeyyii ‘yeroo dhiphinaatti’ nu gargaaran nuu kennuu isaatti guddaa isa galateeffanna.—Fakkeenya 17:17.