Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 20, 2021
ISLOOVEENIYAA

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Inni Haareffame Afaan Islooveeniyaatiin ni Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Inni Haareffame Afaan Islooveeniyaatiin ni Baʼe

Muddee 18, 2021, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa inni haareffame Afaan Islooveeniyaatiin ni baʼe. Obboleessi keenya Geerit Loosh inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe sagantaa dursee waraabamee fi namoota 2,000 taʼaniif dabarfame irratti kitaabni kun baʼuu isaa beeksise. Kitaabni Qulqulluun kun bifa dijitaalaatiin baʼe, bara 2022⁠tti immoo ni maxxanfama.

Kitaabni Qulqulluun Afaan Islooveeniyaatiin hiikamuu kan jalqabe bara 1548tii eegalee ti. Kitaabni Qulqulluun guutuun isaa Afaan Islooveeniyaatiin jalqaba hiikame Daalmeetiin kan jedhamu dha. Yeroo harʼaatti, koppiiwwan Kitaaba Qulqulluu Daalmeetiin akka jiran beekaman 80 qofa dha, isaan keessaa inni tokko immoo godambaa Kitaaba Qulqulluu Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa isa Waarwiik, Niwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetis keessa jiru keessatti argama.

Bara 1925, obboleessi keenya Firaanzi Birandi, mana rifeensaa isaa isa Maariibor, Islooveeniyaa jirutti lallabuu jalqabe. Baruma sanatti garee xinnoon tokko Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuuf walitti qabamuu jalqabe. Bara 1930⁠tti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Islooveeniyaa keessa jiran hojii Kitaaba Qulqulluu barsiisuu biyyattii keessatti geggeeffamu deggeruuf waajjira hundeessan. Barri 2009 yeroo obboleessi keenya Saamuʼel Herdi Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa baʼuu isaa walgaʼii naannoo magaalaa Liwuubliyaana, Islooveeniyaatti godhame irratti beeksise obboloota keenyaaf yeroo hin irraanfatamne ture.

Dhugaa Baatonni Yihowaa Islooveeniyaa keessa jiraatan, Waraana Addunyaa Lammaffaa fi waggoota isa booda jiranitti, jalqaba warra Naaziitiin, booda immoo abbootii taayitaa biyyattiitiin ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼeera. Waggoota sana keessatti, obboloonni hedduun hidhamaniiru, tokko tokko immoo duʼaan adabamaniiru. Bara 1953⁠tti yeroo mootummaan biyyattii Dhugaa Baatota Yihowaatiif beekamtii kennettii fi bilisummaadhaan akka waaqeffatan heyyametti haalli isaa fooyyaʼeera. Yeroo harʼaatti, Islooveeniyaa keessa babalʼistoota 1,757tu jira.

Gareen hiikkaa Afaan Islooveeniyaa kan jiraatus taʼe kan hojjetu, Beetel isa Islooveeniyaa magaalaa Kaamnik keessa jiru keessa dha

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Islooveeniyaa keessa jiran yaada obboleessi keenya Loosh yeroo Kitaabni Qulqulluun baʼuu isaa beeksisetti akkana jechuudhaan dubbatee wajjin akka walii galan amanannaa guutuu qabna: “Kitaaba Qulqulluu haaraa kanatti akkamitti itti fayyadamuu akka qabdan barachuudhaan humni isaa jiraataa akka taʼu godhaa! . . . Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Islooveeniyaatiin [haareffamee] baʼe, “dubbicha isa amanamaa sana” cimsitanii akka qabattan akka isin gargaaru ni abdanna!”—Tiitoo 1:9.