MUDDEE 5, 2023
ISPEEN
Agarsiisni Addaa Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa “Qalbii Isaaniitiif Jedhanii Hidhamanii” Ibsu Ispeenitti Qophaaʼe
Mana hidhaa duraanii Laa Moodeeloo isa yeroo ammaa biyya Ispeen, magaalaa Baarseloonaatti giddu gala aadaa fi hambaalee taʼe keessatti agarsiisni haaraan mata duree, “Qalbii Isaaniitiif jedhanii Hidhaman” jedhu qabu Onkoloolessa 14 hanga Muddee 16, 2023tti geggeeffameera. Kutaaleen arfan agarsiisa kanaa kan qophaaʼan, waaʼee dargaggoota Dhugaa Baatota Yihowaa taʼanii fi siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusachuudhaan walaba taʼanii jiraachuu filatanii aangawoota mootummaa, piroofeesarootaa fi barsiisota yunivarsiitii dabalatee guutummaa saba biyyichaa beeksisuuf ture.
Agarsiisni kun seenaa obboloota keenya Ispeen jiranii fi bara 1930nii kaasee loltuu taʼanii tajaajiluu waan didaniif hidhamanii ibsa. Baroota 1960nii fi 1970nitti lakkoofsi obboloota hidhamanii gara 1,000 taʼee ture. Obboloota kana keessaa 40 ol kan taʼan Laa Moodeelootti hidhaman.
Wantoonni agarsiisa kana irratti dhihaatan, dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan kunneen loltuu taʼuu kan didan maaliif akka taʼee fi wanta mana hidhaatti isaan mudate ibsu. Ija jabina obboloonni amanamoo taʼan kun waggoota hedduudhaaf argisiisaniin kan kaʼe, mootummaan Ispeen bara 1984tti namoonni sababa amantii isaaniitiin loltuu taʼuu dhiisuu filachuun mirga isaanii akka taʼe murteesseera.
Piroofeesara seenaa kan taʼan Miigeel Ankeel Pilaazaan sirna jalqabbii qophii kanarratti haasaa akka kennan affeeramanii turan. Hayyuun kun sana dura, Dhugaa Baatota Yihowaa Laa Moodeelootti hidhamanii turan hedduudhaaf gaafannoo godhanii turan. Muuxannoo isaanii yeroo dubbatan akkas jedhaniiru: “Isaan keessaa tokkollee, eegdota mana hidhaa irrattis taʼe waaʼee wanta achitti isaan mudatee komii hin dhiheessine ykn yaada sirrii hin taane hin dubbanne. Hundi isaaniiyyuu muuxannoo isaanii fuula ifaadhaan dubbatu turan.” Namoota sirna kanarratti argamanii fi mana hidhaa Laa Moodeelootti hidhamanii turan keessaa tokko obboleessa keenya Farnaandoo Tireepaat ture. “Ammayyuu, jechuunis waggaa 50 ol boodallee yeroo sanatti qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu filannoo sirrii gochuuf akka na gargaare guutummaattan amana. Harʼas murtoodhuma akkasiin godha” jedheera.
Obboleessi keenya Deevid Beeydeez inni qindeessaa qophii kanaa taʼe akkana jedheera: “Agarsiisni kun waaʼee wanta kanaan dura taʼee kan ibsu taʼus, harʼas wanti akkasii bakka biraatti raawwatamaa jira. Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa gara 200 taʼan biyyoota gara garaatti amantii isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼeen kan kaʼe mana hidhaa jiru.”
Obboloonni keenya Ispeen waggoota hedduudhaaf amanamoo waan taʼanii fi jabaatanii waan dhaabbataniif baayʼee isaan dinqisiifanna; warra yeroo ammaatti sababa amantii isaaniitiin hidhamanii jiraniifis kadhachuu keenya itti fufna.—Ibroota 13:3.