Fulbaana 19, 2022
ISPEEN
Haareffamuun Waajjira Damee Ispeen Hojii Hiikkaa Guddisa
Gamoowwan waajjira damee Ispeen keessaa inni tokko dhiheenya haareffamee xumurameera. Gamoon kun caalaatti Dippaartimantii Hiikkaatiif tajaajila. Haareffamuun biiroo kanaa kutaa waajjira damichaa haaressuu guddaa bara 2025tti xumuruuf yaadamee keessaa isa tokko dha.
Amma gamoon kun laayibirarii kitaabota hojii hiikkaatiif gargaaran 4,000 qabachuu dandaʼu qaba. Laayibiraariin kun kitaabota bifa dijitaalaatiin hin argamne qabateera.
Obboleessi Joon Bursinaal inni miseensa Koree Waajjira Damee Ispeen taʼe akkas jedheera: “Hojiin waajjira damee Ispeenitti hojjetamu waggoota 25 darbaniif jijjiirama guddaa argisiiseera. Amma hojiin keenya inni guddaan maxxansuu fi kuusuu miti, kanaa mannaa afaan Ispeenii fi afaan mallattoo Ispeenitti hiikna, akkasumas Afaanota Awurooppaa hedduutiif bireelii qopheessaa jira. Kanaafuu biiroon dabalataa nu barbaachiseera. Hojiin haaressuu kun shakkii tokko malee waldaa obbolummaa addunyaa maraatiif caalaatti deggarsa akka goonu nu dandeessisa.”
Ammumayyuu gamoowwan jireenyaa afur haaressuun jalqabameera. Namoonni gara 200 taʼan fedhiidhaan hojii ijaarsaa kana irratti hirmaataa jiru. Bakka jireenyaa hojjettoota kanaatiif akka taʼuuf mooraa waajjira damee kanaa keessatti manneen yeroo 70ni hojjetamaniiru.
Guddinni Ispeen keessa jiru itti fufeera. Yeroo ammaa biyyattii keessa babalʼistoonni 120,530ni jiru. Isaan keessaa 23,565 qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajilaa jiru. Ispeenitti walitti aansuudhaan siʼa saddeeti lakkoofsi qajeelchitoota yeroo hundaa dabaleera.
Gamoowwan kun maqaa isaa isa qulqulluutiif ulfina akka fidaniif Yihowaan piroojektii jalqabame kana deggaruu isaa akka itti fufu beekna.—Faarfannaa 61:8.