EBLA 14, 2022
ISPEEN
Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Kaataalaaniin Baʼe
Ebla 2, 2022tti Obboleessi Albertoo Roviraa inni miseensa Koree Waajjira Damee Ispeen taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaan Kaataalaan bifa eleektiroonikiitiin akka baʼe beeksise. Dhugaa Baatonni afaan Kaataalaan dubbatanii fi Andoraa, akkasumas Baaliʼariik Islaandii, Kaatalooniyaa fi Vaaleensiyaa dabalatee naannoowwan Ispeenitti argaman garaa garaa sagantaa addaa intarneetiidhaan darbe hordofaniiru. Sagantaan kun tamsaasa kallattii 3,000 oliin tamsaʼeera. Jiʼoottan itti aananitti Kitaabni Qulqulluun inni maxxanfame gumiiwwan ni gaʼa.
Hiiktonni hiikkaa Kitaaba Qulqulluu kan biroo Afaan Kaataalaaniin jaarraa 13irraa eegalee qopheessaa turan. Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu kana keessaa inni tokko Kitaaba Qulqulluu Raayimdi kan jedhamu siʼa taʼu bara 1282 hanga bara 1325tti maxxanfame. Kitaabni kun Kitaabota Kitaaba Qulqulluu 18 namoonni salphaatti akka yaadatan gargaaruuf bifa walalootiin qophaaʼan qabateera.
Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu afaan Kaataalaaniin argaman hedduun isaanii jechootaa fi ibsa durii hubachuuf ulfaataa taʼe of keessatti qabataniiru. Hiikkaawwan kaan immoo maqaa Yihowaa keessaa baasaniiru ykn dogoggora qabu.
Obboleessi Roviraan saganticha irratti, “Kitaabni Qulqulluun kun afaan keenyaan yaada Waaqayyoo sirriitti akka dabarsu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya” jedheera.
Namoonni Afaan Kaataalaan dubbatan humna dubbiin Waaqayyoo qabu irraa guutummaatti fayyadamu waan dandaʼaniif baayʼee gammanna.—Ibroota 4:12.