Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kirkirri lafaa kaaba baha Jaappaan erga miidhee booda sigiga lafaa naannoo Fuukuushiimaatti mudate

GURAANDHALA 23, 2021
JAAPPAAN

Kaabni Baha Jaappaan Kirkira Lafaa Cimaa Maagnitiyuudii 7.3 Taʼuun Rukutamte

Kaabni Baha Jaappaan Kirkira Lafaa Cimaa Maagnitiyuudii 7.3 Taʼuun Rukutamte

Iddoo

Kaaba baha Jaappaan keessumaa Fuukuushiimaa fi Miyaagii

Balaa

  • Kirkirri lafaa Maagnitiyuudii 7.3 taʼuu fi Guraandhala 13, 2021⁠tti mudate naannoowwan tokko tokko humna ibsaa fi bishaan akka dhaban godheera. Kirkirri lafaa kun naannoowwan bara 2011⁠tti kirkira lafaa Maagnitiyuudii 9.0 tiin miidhaman hedduus miidheera

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Babalʼistoonni 11 miidhamaniiru

  • Obboloonni hedduun yeroo muraasaaf humna ibsaa fi bishaan dhabanii turan

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Galmawwan Walgaʼii 10 irra miidhaa muraasni gaʼeera

  • Manneen 205 irra miidhaa muraasni gaʼeera

  • Manneen 13 irra miidhaa cimaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii naannoowwan miidhaman sana keessa jiraataan qajeelfama Kooviid-19 ilaalchisee kenname hordofaa babalʼistootaaf deeggarsa hafuuraa godhaniiru

  • Bakka buʼoonni Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo, akkasumas obboloonni fedhiidhaan hojii ijaarsaa kana irratti hirmaatan Galmawwan Walgaʼii fi mannee hunda irra miidhaan hammamii akka gaʼe qorachaa jiru

Yihowaan obboloota kirkira lafaa kanaan miidhaman gargaaruu isaa akka itti fufu ni kadhanna.—Filiphisiyus 4:13.