Dhimma ijoo ta'etti seeni

MUDDEE 23, 2021
JARMAN

Kitaabni Maatewosii fi Yohaannis Afaan Mallattoo Jarmaniin Baʼe

Kitaabni Maatewosii fi Yohaannis Afaan Mallattoo Jarmaniin Baʼe

Muddee 18, 2021⁠tti, Obboleessi Diirk Giruudmaan, inni miseensa Koree Waajjira Damee Giddu Gala Awurooppaa taʼe, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessaa kitaabni muraaasni Afaan Mallattoo Jarmaniin bahuu isaa beeksiseera. Sagantaa kitaaba Maatewosii fi Yohaannis baasuuf qophaaʼee fi viidiyoo striimiidhaan dabarfame kana namoonni gara 800 ilaalaniiru.

Mootummaan Jarman Afaan Mallattoo Jarmaniif beekamtii kan kenne bara 2002 kaasee ti. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo bara 1960tii kaasee walgaʼii aanaa fi walgaʼii koonyaa gara afaan mallattootti hiikaa turaniiru. Yeroo harʼaatti, Jarmanitti babalʼistoonni 571 gumii Afaan Mallattoo 11 fi garee 21 keessatti tajaajilaa jiru.

Walgaʼii koonyaa bara 1973 Muuniik Jarmanitti godhame irratti obboleessi tokko saganticha afaan mallattootti yommuu hiiku

Kitaabonni Kitaaba Qulqulluu guutuun isaanii Afaan Mallattoo Jarmanitti yeroo hiikaman kun isa jalqabaa ti. Sana dura babalʼistoonni qoʼannaa dhuunfaa fi tajaajilaaf argachuu kan dandaʼan caqasoota Kitaaba Qulqulluu afaan mallattootti hiikaman muraasa qofa dha.

Babalʼisaan tokko akkaana jedheera; “Kan jiru caqasoota murtaaʼan malee, Kitaaba Qulqulluu guutuu isaa waan hin taaneef, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu argachuun ulfaataa ture. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu akka qoratu jajjabeessuunis ulfaataa ture; sababiin isaas, caqasoota kopha kophaa jiran ilaaluun ulfaataa dha.”

Gareen Hiikkaa Afaan Mallattoo Jarman istuudiyoo isaanii keessatti viidiyoo tokko yommuu waraaban

Yaadni itti aanu warra hiikan keessaa tokkoon kan dubbatame dha: “Kitaaba Qulqulluu hiikuun, keessattuu namoonni gurri isaanii hin dhageenye Yihowaa wajjin hariiroo akka uuman gargaaruuf dubbii isaa hiikuun mirga guddaa dha. Pirojektii kana irratti hirmaachuuf mirga guddaa argachuu keenyatti garaan keenya tuqameera.”

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Jarmanii namoonni garraamota taʼan hedduun daandii Yihowaa akka beekan akka isaan gargaaru ni abdanna.—Faarfannaa 25:9.