AMAJJII 24, 2024
JARMAN
Mootummaan Jarman Carraaqqii Ziimoonaa Arnooldi-Liipistar Dargaggoota Barsiisuuf Godhaniif Badhaasa Biyyattii Isa Olaanaa Taʼe Isaan Badhaase
Muddee 15, 2023, obboleettiin keenya Ziimoonaa Arnooldi-Liipistar Riippabliika Federaalaa Jarman irraa badhaasa argataniiru. Badhaasni kun badhaasa mootummaan Jarman namoota gocha uummata hedduu fayyadu raawwataniif kennudha. Walgaʼii Shaambeerii, Faransaayitti godhame irratti badhaasa kana obboleettii keenya Ziimoonaaf kan kenne Qoonsilaa Janaraalaa Toomaas Parbistiidha. Obboleettiin keenya Ziimoonaan amma umuriin isaanii waggaa 93 taʼan, beekamtiin kan isaaniif kenname carraaqqii gocha gara jabina bulchiinsa Naazii, akkasumas namoota ilaalcha bulchiinsa jibbiinsaa fi hammeenyaa kana morman akka hin irraanfatamne godhaniifidha.
Hanga ammaatti, obboleettiin keenya Ziimoonaan namoota biyyoota 25 keessatti argamaniif haasaa dhiheessaniiru. Barattoota hedduu fi barsiisota mana barumsaa dabalatee, walgaʼii kana irratti namoonni gara 65,000 taʼan argamaniiru. Kan dullooman taʼanillee, viidiyoo konfiransiidhaan walgaʼii kana irratti gaaffii dargaggoonni isaan gaafataniif deebii kennu, akkasumas yeroo umurii isaanii irra turanitti barumsa argatan isaanitti himuu isaanii itti fufaniiru. Walgaʼii akkasii tokko irratti erga argamee booda barataan tokko, “Seenaan Ziimoonaa, wanta tokkotti guutummaatti amanuun keenya humnaa fi cimina guddaa akka nuuf kennu na hubachiiseera” jedhee barreesseera.
Qoonsilaa Janaraalaa Toomaas Parbistiin obboleettii keenya Ziimoonaaf badhaasa yommuu kennan akkana jedhaniiru: “Seenaa miidhaan akka isin irra gaʼe ibsu warra kaanitti himuudhaan jabina argachuu dandaʼuun keessan baayʼee kan nama dinqisiisudha. Kanas kan gootan yeroo hundumaa iftoominaan, gaarummaadhaan, akkasumas yeroo gara fuulduraa ilaalchisee karaa abdii kennuuni. Kanaan kan kaʼes, kabaja guddaa akkan isiniif qabu ibsuun barbaada.”
Obboleettiin keenya Ziimoonaa fi maatiin isaanii, bulchiinsa Naazii jalatti akkuma Dhugaa Baatota Yihowaa dhibbaan lakkaaʼaman kaanii ariʼatamni suukanneessaa taʼe isaan irra gaʼeera. Obboleettiin keenya Ziimoonaan yeroo umuriin isaanii waggaa 12 turetti, maatii isaanii irraa adda baafamanii Dhaabbata Amala Sirreessaa Kaanistaanzi, Jarman, isa Foon Vasanboorgi jirutti dirqamaan ergaman; mana barumsaa mana hidhaa warri Naazii bulchiinsa isaanii akka fudhatanii fi akka deggeran dirqisiisuuf itti yaalan kun garuu utuu isaaniif hin milkaaʼin hafeera. Ejjennoo isaanii laaffisuu waan didaniif, umurii dargaggummaa isaaniitti salphifamaniiru, dhukkuba hirʼina nyaataatiin dararamaniiru, dirqamaan hojii humnaa hojjetaniiru, akkasumas gara waggaa lamaatiif nama tokkoo wajjinillee akka hin dubbanne dhorkamaniiru. Obboleettiin keenya Ziimoonaan yeroo kana yaadatanii, “Yihowaan na deggereera; anis amanamummaa koo eegee itti fufuu dandaʼeera” jedhaniiru.
Seenaa amanamummaa obboleettiin keenya Ziimoonaan galmeessisanii fi carraaqqii isaan Waaqa keenya Yihowaa isa Abbaa keenya isa samii taʼeef ulfina fiduuf taasisan guddaa dinqisiifanna.—Maatewos 5:16.