Dhimma ijoo ta'etti seeni

Galma Walgaʼii dhukaasni itti baname. Lammiileen Haambargi fi abbootiin taayitaa gadda isaanitti dhagaʼame argisiisuuf karaa seenan irra abaaboo yeroo kaaʼan

BITOOTESSA 20, 2023
JARMAN

Namichi Tokko Obboloota Galma Walgaʼii Haambargi, Jarman Keessatti Walgaʼiirra Turanitti Dhukaase

Namichi Tokko Obboloota Galma Walgaʼii Haambargi, Jarman Keessatti Walgaʼiirra Turanitti Dhukaase

Bitootessa 9, 2023​tti akkuma gabaafame namichi tokko gumii Haambargi Wiineerhaad keessatti walgaʼiin gidduu torbee akkuma raawwatameen dhukaasa banuudhaan miidhaa geessise. Obbolootaa fi obboleettota keenya hedduu erga ajjeesee fi madeessee booda, poolisoonni Galma Walgaʼii waan seenaniif dhukaasuu dhaabe. Namichi kun sana booda of ajjeeseera. Dhugaa Baatonni Jarman fi addunyaa mararra jiran gaarummaa, jaalalaa fi garaadhaa yaaduu abbootii taayitaarra, jaarmiyaawwanirraafi namoota dhuunfaa addunyaa mara irraa jirnirraa argatan baayʼee isaan tuqeera.

Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe

  • Kan nama gaddisiisu obboleettota 4, obboleettonni 2 akkasumas obboleettiin madoofte tokko mucaan garaa ishii keessa jiru duʼaniiru

  • Obboloonni 2 fi obboleettonni 7 madaaʼaniiru

Hojii Gargaarsaa

  • Bakka buutonni waajjira damee Giddu Gala Awurooppaa, daawwattoonni ol aanaa aanaa lama akkasumas jaarsoliin gumii jajjabinaa fi deggersa yeroo godhan

Maatii gaddi kun isaan irra gaʼe hundumaaf ni kadhanna. Yihowaan inni ‘yeroo rakkinaatti iddoo baqaa,’ ta’e yeroo rakkisaa taʼe kana dandamannee nagaadhaan waaqeffannaa keenya akka godhannu nu gargaara.—Naahom 1:7.