Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gubbaadhaa jalqabee bitaadhaa gara mirgaatti: Waltajjii, namoota qophicharratti argaman, namoota hojii teeknikaa hojjetan. Obboleessi Maark Saandarsan sagantichi erga xumuramee booda obbolootaa fi obboleettota dhukaasa kana irraa oolanii fi miseensota maatii isaanii wajjin yommuu haasaʼu. Sagantaa sirna yaadannoo. Kaardiiwwanii fi xalayaawwan gadda ibsuuf qophaaʼan. Gareen muuziqaa Dhugaa Baatota Yihowaa waltajjii irratti meeshaa muuziqaa yommuu taphatu. Obboleettonni lama sagantichi erga xumuramee booda yommuu wal jajjabeessan. Bakka buʼoonni poolisootaa fi tajaajila ibidda dhaamsuu sagantichi jalqabuu isaa dura, hawwiidhaan yommuu eegan

EBLA 10, 2023
JARMAN

Sirna Yaadannoo Namoota Dhukaasa Haambargitti Gaʼeen Ajjeefaman Irratti Namoonni Kumaan Lakkaaʼaman Argamaniiru

Sirna Yaadannoo Namoota Dhukaasa Haambargitti Gaʼeen Ajjeefaman Irratti Namoonni Kumaan Lakkaaʼaman Argamaniiru

Dhukaasa Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa Haambargitti argamutti Bitootessa 9, 2023​tti baname ilaalchisee Dhugaa Baatonni Yihowaa fi namoonni kan biroon addunyaa maratti argaman baayʼee gaddaniiru. Obboleessi Maark Saandarsan inni miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼe, Obboleessi Gaajas Gilookantiin inni gargaaraa Koree Maxxansaa taʼee fi miseensonni Koree Waajjira Damee Giddu Gala Awurooppaa, obboloota jajjabeessuu fi tika isaaniif gochuuf gara Haambargi deemaniiru. Bitootessa 25​tti namoota ajjeefamaniif qophiin yaadannoo istaadiyomii magaalichaatti godhameera. Namoonni sagantaa garaa namaa tuqu kana hordofan, Kitaabni Qulqulluun warra gaddan jajjabeessuu fi deggeruuf humna akka qabu hubataniiru. Namoonni hedduun akka obboleessa dhukaasa kanarraa oole tokkoo isaanitti dhagaʼameera. Obboleessichi, “Harʼa Yihowaan jaalala guddaa akka nuuf qabu argineerra” jedheera.

Namoonni 3,300 ol taʼan qaamaan qophii kanarratti argamaniiru. Namoonni 90,000 taʼan immoo viidiyoo konfiransiidhaan sagantaa kana irratti argamaniiru.

Obbolootaa fi obboleettota keenyaan alatti, abbootiin taayitaa fi namoonni dhaabata tajaajila yeroo balaa bakka buʼan sagantaa kanarratti argamaniiru. Isaanis kantiibaa magaalaa Haambargii fi ittaanaa isaa, Pireezidaantii Paarlaamaa Magaalaa Haambargi, Haambargitti Qoonsilaa Janaraala Yuunaayitid Isteetis, Itti Gaafatamaa Dhimma Biyya Keessaa fi Ispoortii, Bulchiinsa Jarmanitti Itti Gaafatamaa Mana Maree Federaalaa, Itti Gaafatamaa Poolisii Haambargii fi Itti Aanaa Pireezidaantii Poolisii turan.

Namoonni qophicharratti argamanii fi miseensonni garee muuziqaa, faarfannaa “Hojii Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa” jedhamu yommuu waliin faarfatan.

Sirni yaadannoo kun faarfannaa Mootummichaa gareen muuziqaa obbolootaa fi obboleettota keenya of keessaa qabate dhiheessaniin jalqabe. Qophii kana irratti dura taaʼaa kan ture obboleessa Joʼakiim Shefchik isa Miseensa Koree Waajjira Damee Giddu Gala Awurooppaa taʼedha. Innis obboleessi Diirki Chuuppeek inni Miseensa Koree Waajjira Damee taʼe, haasaa yaadannoo akka dhiiheessu isa afeereera. Itti aansuudhaanis obboleessi Chuuppeek obboleessa Saandarsan kan afeere siʼa taʼu, innis haasaa gabaabaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dhiheesseera. Sana boodas obboleessi Chuuppeek gara waltajjiitti deebiʼee haasaa yaadannoo dhiheessaa ture xumure. Achiis, qophiin kun kadhannaa obboleessi Gilookantiin dhiheessee fi faarfannaa Mootummichaa kan biraatiin xumurame.

Obboleessi Saandarsan haasaa dhiheesse irratti, haalli gaddisiisan ilmaan namootaa irra akka gaʼu kan godhu Waaqayyo akka hin taane ibseera. Kanaa mannaa, Kitaabni Lallabaa haalli gaddisiisaan namoota irra kan gaʼu akka tasaa ykn ‘utuu hin eegamin’ akka taʼe dubbata. (Lallaba 9:11) Obboleessi Saandarsan akkas jedheera: “Gochi gara jabinaa ykn balaan tasaa kaayyoo Waaqayyoo keessa waan hin jirreef, Waaqayyoo namootarra akka gaʼu kan godhe maaliif jennee yaaduu hin qabnu. . . . Abdiin keenya, amantiin keenyaa fi jaalalli keenya balaa akka tasaa gaʼu injifachuu ni dandaʼa. Hamminaa fi jibba akka injifannus nu gargaaruu dandaʼa.” Kana malees obboleessi Saandarsan poolisoota, namoota yeroo balaatti tajaajila kennanii fi ogeeyyii fayyaa obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaran galateeffateera.

Obboleessa  Diiriki Chuuppeek

Obboleessi Chuuppeek haasaa yaadannoo dhiheesse irratti akkana jedheera: “Dhukaasni Bitootessa 9 gaʼe haleellaa namoota muraasa qofarratti baname miti. Haleellaa hunda keenyarratti banamedha. Harʼa asitti kan argamne yeroo jibbamnutti ykn yeroo gochi hamminaa nurratti raawatamutti maal gochuu akka qabnu argisiisuufi. Jaalalaa fi gara laafina, akkasumas abdii fi amantii qabnu argisiisuufi. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin” jedhu nuuf kenna. Wanti gochuu barbaannus kanuma. Harʼa asitti kan argamne kanaafi.”—Roomaa 12:21.

Yommuu obboleessi Chuuppeek tokkoon tokkoon namoota dhukaasa kanaan duʼanii caqasuudhaan sababii itti qophii kanarratti argaman dubbatetti, garaan namoota hedduu raafameera. Obboleessi Chuuppeek Akkana jedhe: “Asitti kan argamne, Isteefanii, Seebaastiyaanii, Jamsii fi Maarii akkasumas Istiifaanii, Daanii fi Roomii isa xinnoo (mucaa isa garaa keessa turee fi dhukaasaan duʼe) yaadachuu fi nagaa isaanitti dhaamuufi.” Michootaa fi maatiiwwan isaanii dhukaasa kanaarraa oolanii fi qophii kanarratti argamaniinis, “Isin deggeruu fi isin jajjabeessu barbaanna” jedheera.

Xumurarrattis, amaloota gaggaarii namoonni dhukaasa kanaan duʼan qabanii fi michoonni isaanii dhukaasicharraa oolan yeroo hunda yaadatan caqaseera. Mulʼata 21:4, 5 caqasuudhaan akkana jedheera: “Namoota duʼaan dhabne arguuf ni hawwina. Isaan dhabuu keenyatti ni gaddina. Waaʼee isaanii yaadachuu keenya itti fufna. Waaqayyoo gadda waan hambisuuf, guyyaan inni gadda amma nutti dhagaʼamu guutummaa guutuutti balleessu ni dhufa. Duuti ni hafa. Ergaan Yesuusii fi barattoonni isaa lallabaa turan kana ture. Nutis kana abdanna. Duuti ni moʼama. Duuti dhuma waan hundumaa miti. Waaqayyoo duʼarratti humna qaba. . . . Isteefanii, Seebaastiyaanii, Jamsii fi Maarin akkasumas Istiifaanii, Daanii fi Roomiin akka duʼanitti hin hafan.”

Doktar Pitar Cheenchar, Kantiibaa Magaalaa Haambargi

Sirni yaadannoo erga xumuramee booda, abbootiin taayitaa tokko tokko haasaa kennaniiru. Haasaa dabareedhaan dhiheessan irratti Kantiibaan Magaalaa Haambargi, Doktar Piitar Cheencharii fi Pireezidaantiin Paarlaamaa Magaalaa Haambargi Aadde Kaaroolaa Veeʼit, gadda michootaa fi maatii namoota duʼan kanaaf qaban ibsaniiru. Doktar Cheenchar namoonni dhukaasa kana irraa oolan “gaddaa fi miidhaa sababii dhukaasa kanaan isaanirra gaʼe” sababii amantii isaaniitiin “ija jabina guddaadhaan dandamachaa jiru” jedheera. Kana malees, xalayaa deggersaa Pireezidaantii Jarman kan taʼan Firaank Vooltar Ishtaayinmaayer barreessan dubbiseera.

Aaddee Kaaroolaa Veʼit, Pireezidaantii Paarlaamantii Magaalaa Haambargi

Namoonni miidiyaa hedduun qophii kana irratti argamanii gabaasaniiru. Namni dhaabbata televizyinii tokko keessaa hojjetu tokko akkana jedheera: “Gaarummaan namoonni asitti argaman hundi argisiisan nama ajaaʼiba. Qophiiwwan hedduurratti argamneerra. Taʼus qophiin kun ykn akkaataan haasaawwan itti dhihaatanii fi wanti dubbatame baayʼee addadha.”

Hiriyoonni gaaʼelaa dhukaasa kanarraa oolan tokko akkana jedhaniiru: “Abdii keenya irratti xiinxaluu fi yeroo gaddaa kanatti obboloonni heduu nu faana kan jiran taʼuunsaa baayʼee gaariidha.”

Obboleessi miseensa gumii kan biraa taʼee fi Galma Walgaʼii dhukaasni irratti banametti walgaʼii godhatu tokko akkana jedheera: “Yeroo dheeraaf gaddaan ture. Qophii kanarratti yeroon argame gadda natti dhagaʼamuun kan kaʼe baayʼee dadhabeen ture. Haa taʼu malee qophiin kun qophii ulfina qabu ture . . . Haasaan obboloonni dhiheessanis taʼe haasaan abbootiin taayitaa dhiheessan gaddi guddaan akka isaanitti dhagaʼame kan argisiisu ture.”

Sirni yaadannoo kun Yihowaan hammam akka nu jaallatuu fi hammam akka nuuf yaadu kan argisiisu ture. Yihowaa inni “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” taʼe namoota dhukaasa Haambargiitti gaʼeen baayʼee miidhaman deggeruu isaa akka itti fufu mirkanaaʼoodha.—2 Qorontos 1:3.

 

Obboleessa Joʼakiim Shefchik inni Miseensa Koree Waajjira Damee Giddu Gala Awurooppaa taʼee fi dura taaʼaa sagantichaa taʼe waltajjiirra dhaabbatee. Gareen muuziqaa Dhugaa Baatota Yihowaa ogummaa muuziqaa qaban duubaan taaʼanii jiru

Obboleessi Maark Saandarsan, inni miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼe, haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yommuu dhiheessu afaan Jarmanitti hiikamaa jira.

Abbootiin taayitaa fuuldura taaʼanii haasaa yommuu dhaggeeffatan

Sagantichi erga xumuramee booda obboloonnii fi obboleettonni yommuu waliin haasaʼanii fi wal jajjabeessan

Kaardiiwwanii fi xalayaawwan karra gidduu gala ispoortiitti geessurratti mulʼachaa jiran

Gidduu gala ispoortii keessatti dhaabbanni televizyinii tokko jaarsa Haambargi jiraatuu fi namoota dhukaasichaan duʼan tokko tokko dhuunfaatti beekuuf gaafannoo yommuu godhu