Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABBAJJII 23, 2020
JOORJIYAA

Hiikni Addunyaa Haaraa Haareffame Afaan Joorjiyaatiin Baʼe

Hiikni Addunyaa Haaraa Haareffame Afaan Joorjiyaatiin Baʼe

Dilbata Waxabajjii 21, 2020 Hiikni Addunyaa Haaraa inni haareffame afaan Joorjiyaatiin walgaʼii addaa karaa viidiyookonfiraansii godhameen baʼeera. Obboleessi Jeefrii Jaaksan inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe haasaa dursee waraabame irratti Kitaabni Qulqulluun kun akka baʼe beeksiseera. Walumaa galatti namoonni 19,521 saganticha ilaalaniiru. Hiikkaa haareffame kana isa bifa elektirooniksiitiin qophaaʼe buufachuun akka dandaʼamuuf yeruma sana jw.org irratti baʼeera.

Hiiktonni hojii kana irratti hirmaatan guutummaa kitaabichaa haaressuuf waggaa afur itti fudhateera. Miseensi garee hiikkaa kanaa tokko, “Afaan salphaan namoonni umurii gara garaa irra jiran, barreeffamicha akka hubatan waan gargaaruuf, maatiiwwan waliin qoʼachuu ni jaallatu jedheen abdadha” jedheera.

Miseensi garee kanaa kan biraan immoo, “Galmi keenya sadarkaan barumsaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe, namoonni dubbisan hundi salphaatti akka hubatan gochuu dha” jedheera.

Namoonni hiikkaa Kitaaba Qulqulluu sirrii fi ifa taʼe kana dubbisan hundi jaalala Yihowaan isaanitti argisiise kanaaf dinqisiifannaadhaan akka guutaman amanannaa qabna.—Yaaqoob 1:17.