AMAJJII 8, 2021
KIROʼESHIYAA
Kirooʼeeshiyaa Keessatti Kirkirri Lafaa Miidhaa Cimaa Geessise
Iddoo
Peetriiniyaa ishii kibba Zaagreeb, Kirooʼeeshiyaa irraa kiilomeetira 50 fagaattutti
Balaa
Muddee 29, 2020tti Kirooʼeeshiyaan kirkira lafaa reektar iskeelii 6.4 taʼuun rukutamte. Kun seenaa Kirooʼeeshiyaa keessatti kirkira lafaa guddaa akka taʼetti galmaaʼeera
Miidhaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼe
Babalʼistoota 91 naannoo sanatti argaman keessaa kan miidhame hin jiru
Babalʼistoonni 29 qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru
Miidhaa qabeenya irra gaʼe
Manneen 9 garmalee miidhamaniiru
Manneen 16 irra miidhaa xiqqoon gaʼeera
Galma Walgaʼii Siisaakii jiru irra miidhaa xiqqoon gaʼeera
Hojii gargaarsaa
Waajjirri damee Kirooʼeeshiyaa Koree Gargaarsaa tokko hundeesseera. Koreen gargaarsaa kun dhukkuba COVID-19 ilaalchisee of eeggannoo godhamuu qabu hordofaa, ilaaltota olaanaa lamaa fi jaarsolii gumii naannoo sanatti argamanii wajjin taʼuudhaan, gargaarsa hafuuraa fi gargaarsa biroo gochaa jira. Kunimmoo warra qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniif yeroodhaaf mana keessa buufatan qopheessuu dabalata
Yihowaan yeroo dhiphisaa kanatti obboloota keenyaaf cimina isaan barbaachisu kennuu isaa akka itti fufu ni kadhanna.—1 Pheexiros 5:10.