Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Chooʼi Yooʼung-Woon, Baaʼeek Joong-hiyuunii fi Kaang Raa-Yoon tajaajila akka filannaatti kennaniif deemuu isaanii dura harka raasanii yommuu maatii isaanitti nagaa dhaaman

SADAASA 23, 2020
KOORIYAA KIBBAA

Jijjiirama Seena Qabeessa: Tajaajilli Siviilii Akka Filannaatti Kennamu Kooriyaa Kibbaatti ni Jalqabame

Jijjiirama Seena Qabeessa: Tajaajilli Siviilii Akka Filannaatti Kennamu Kooriyaa Kibbaatti ni Jalqabame

Seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif mootummaan Kooriyaa Kibbaa, namoota sababa qalbii isaaniitiin waraana irratti hin hirmaanneef tajaajila siviilii akka filannaatti kennuu eegale. Onkoloolessa 26, 2020, obboloonni keenya 63 taʼan tajaajila kana fudhachuudhaan mana sirreessaa lama keessaa isa tokkotti waggaa sadiif tajaajiluu jalqabaniiru. Hojiiwwan kun nyaata qopheessuu, waa bituu, barsiisuu, qulqulleessuu, kunuunsa fayyaa kennuu fi suphuu dabalatu. Akka seerri kun jedhutti, obboloonni jiʼa lamaaf mana sirreessaa kanaa hin baʼan. Sana booda yommuu hojii isaanii fixan walgaʼii irratti hirmaachuu fi lallabuuf akka baʼan isaaniif ni heyyamama. Haa taʼu malee, warri baʼan galgala saʼaatii 3⁠tti deebiʼuu qabu.

Obboleessi Kiim Hiyuun-soo inni obboloota 63 keessaa tokko taʼe, akkas jedheera: “Hojiin akka filannaatti nuuf kenname ulaagaa addunyaa hunda kan guutu taʼuu baatus, hojichi hojii siviilii waan taʼee fi toʼannaa loltummaa jala waan hin jirreef fudhadheera.”

Obboloonni keenya dargaggoonni Kooriyaa Kibbaatti argaman ‘hojii isaanii isa gaariitiin’ Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi isa jajachuu isaanii akka itti fufan amanannaa qabna.—Maatewos 5:16.

 

Obboleessi Paark Jee-hiyuuk tajaajila akka filannaatti kennuuf deemuu isaa dura miseensota maatii isaatti yommuu nagaa dhaamu

Obboleessi Lii Saang-Joon maatii isaa dhiisee deemuuf utuu qophaaʼuu (bitaa). Maatiin obboleessa Kiim Yoong yommuu isa hammatan (mirga)

Obboleessi Yoong Yeʼoo-giʼoom tajaajila kennu jalqabuuf yommuu deemuuf jedhu