Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 28, 2020
KOORIYAA KIBBAA

Kooriyaa Kibbaatti Bokkaa Cimaan Miidhaa Guddaa Geessise

Kooriyaa Kibbaatti Bokkaa Cimaan Miidhaa Guddaa Geessise

Bakka

Kooriyaa Kibbaa

Miidhaa

  • Kooriyaatti waqtiin gannaa kun isa yeroo kaanii caalaa dheeraa taʼeera

  • Bokkaan utuu wal irraa hin kutin roobu lolaa guddaa fi sigigaachuu lafaa uumeera

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe:

  • Babalʼistoonni 16 yeroo muraasaaf mana isaanii dhiisanii deemaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe:

  • Manneen 30 irra miidhaan gaʼeera

  • Galma Walgaʼii 19 irra miidhaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Waajjirri damee Kooriyaa Koreewwan Gargaarsaa Yeroo Balaa sadii hundeesseera (DRCs)

  • Koreen gargaarsaa yeroo balaa fi ilaaltonni ol aanaa aanaa bakka balaan gaʼe jiran, obbolootaa fi obboleettota gargaaruuf jaarsolii gumii naannichaa wajjin hojjechaa jiru

  • Manneenii fi Galmawwan Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuun hojjetamaa jira

Muuxannoo

  • Magaalaa Guuree bakka balaan cimaan gaʼetti, Obboleessi Miin Seʼoong Lii fi haati manaa isaa wanta qaban hunda dhiisanii deemuuf dirqamaniiru. Manni isaanii guutummaatti lolaadhaan liqimfamee ture. Yommuu hojiin gargaarsaa jalqabamu, bakka buutonni koree gargaarsa mana Lii qulqulleessan, akkasumas wanta isaan barbaachisu isaaniif kennan. Obboloonni koree kana keessa hojjetan jajjabinaa miiraa fi hafuuraas kennaniiru. Obboleettii Liin gargaarsa ishii fi abbaa manaa ishiitiif godhame ilaalchisee akkas jetteetti: “Gargaarsa nuu godhaniif guddaan galateeffadha. Wanti isaan godhan hundi dinqisiisaa dha. Akkuma waan mana ofii isaanii hojjetaniitti hojjetan. Wantoota hedduu akkan dhabe beekamaa dha; taʼus wantan dhabe caalaa argadheera.”

Yihowaan inni “Waaqa jajjabina hundaa” taʼe yeroo rakkinaatti obbolootaa fi obboleettota keenya Kooriyaa jiran kunuunsuu isaa waan itti fufeef baayʼee isa galateeffanna.—2 Qorontos 1:3, 4.