Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 14, 2020
LIBAANON

Dhohiinsa Guddaa Beeruut Libaanonitti Gaʼe

Dhohiinsa Guddaa Beeruut Libaanonitti Gaʼe

Dhohiinsi Guddaan Hagayya 4, 2020 gaʼe buufata doonii magaalaa guddittii Libaanon, Beeruut jiru irratti miidhaa guddaa geessiseera. Dhohiinsi guddaan kun namoota kumaan lakkaaʼaman miidheera; badiisa hangana hin jedhamnes geessiseera. Manneen obbolootaa fi obboleettota keenyaa hedduu irras miidhaan gaʼeera. Kan nama gaddisiisu, obbolootaa fi obboleettota keenya muraasa irra miidhaa cimaan gaʼeera; taʼus isaan keessaa namni tokko iyyuu hin duune. Waaqni keenya inni arjaan tajaajiltoota isaatiif gargaarsa barbaachisu kennuu isaa akka itti fufu beekna.—2 Saamuʼel 22:3.