CAAMSAA 5, 2022
MAALAAWWII
Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Chiyaawootiin ni Baʼe
Ebla 24, 2022, obboleessi keenya Firaanki Maadsan inni Koree Waajjira Damee Maalaawwii taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Chiyaawootiin bifa eleektiroonikiitiin baʼuu isaa beeksise. Sagantaa dursee waraabamee televizyiinii saatalaayiitii, akkasumas Saanduqa JW fi JW Istrimiitii dabalatee malawwan kaaniin dhaggeeffattoota 148,000 ol taʼaniif tamsaafameera. Inni waraqaadhaan maxxanfamu immoo gara fuulduraatti baʼa.
Bara 2014 kaasee guutummaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Chiyaawootiin ni argama. Haa taʼu malee, hiikkaan Kitaaba Qulqulluu kun yaadawwan sirrii hin taanee kan qabate taʼuu isaa irra iyyuu, maqaan Yihowaa Kitaaba Qulqulluu jalqabaa irratti bakkawwan kumaan lakkaaʼaman irratti kan argamu taʼus guutummaatti keessaa baaseera.
Kanaan kan kaʼes, babalʼistoonni Kitaabota Qulqulluu kana tajaajila irratti itti fayyadamuun isaan rakkisa ture. Namni hojii hiikkaa irratti hirmaatu tokko akkana jechuudhaan haala isaa ibseera: “Maqaan Waaqayyoo maaliif barbaachisaa akka taʼe isaan barsiisuu mannaa, sababii itti maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessaa dhabame ibsuuf saʼaatii hedduu dabarsina.” Fakkeenyaaf, yaada Maatewos 22:44 irra jiru Kitaabni Qulqulluun Afaan Chiyaawootiin qophaaʼe yommuu ibsu, “Gooftichi gooftaa kootiin” jedheera. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa, “Yihowaan Gooftaa kootiin” jechuudhaan karaa sirrii taʼeen hiikeera.
Walumaa galatti kitaabni haaraan kun faayidaa maalii akka qabu yommuu ibsu namni hojii hikkaa irratti hojjetu tokko akkana jedheera: “Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Chiyaawootiin qophaaʼe ifaa fi salphaatti kan hubatamu waan taʼeef, namoonni yaada isaa dafanii hubatanii wanta baratan hojii irra oolchuuf akka kakaʼan gochuu dandaʼa.”
Kitaabni Qulqulluun kun namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Afaan Chiyaawoo dubbatan maqaa Yihowaa akka beekanii fi akka isatti dhihaatan kan gargaaru taʼuun isaa nu gammachiiseera.—Faarfannaa 83:18.