CAAMSAA 29, 2020
MAALAAWWII
Maalaawwiitti, Walgaʼiin Gumii Televijinii fi Raadiyoodhaan Namoota Miliyoonaan Lakkaaʼamaniif Darbaa Jira
Koreen Waajjira Damee Maalaawwii sagantaa walgaʼii gumii televijinii fi raadiyoo biyyichaatiin tamsaasuuf qophii godheera. Tamsaasawwan kun obbolootaa fi obboleettota keenya malees namoota kaan bira gaʼaa jiru. Maalaawwii keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa 100,000 olii kan jiran taʼus, namoonni sagantaa kana dabarsan akka tilmaamanitti, torban torbaniin karaa televijinii namoonni miliyoona lama, karaa raadiyoo immoo namoonni miliyoona saddeet saganticha hordofaa jiru.
Akkuma biyyoota kan biroo hedduu, obboloonni keenya Maalaawwii jiran, qajeelfama qaamaan wal irraa fagaachuu ilaalchisee kennameef ajajamuudhaan Galma Walgaʼiitti sassaabamaa hin jiran. Taʼus, babalʼistoonni gumii yeroo hundumaa jechuun ni dandaʼama televijiinii ykn raadiyoo fayyadamuu dandaʼu. Kanaafuu, tamsaasni kun warri Intarneetii hin qabne ykn karaa viidiyookonfiraansii hirmaachuu hin dandeenye sagantaa walgaʼii gumii irraa akka fayyadaman gargaara.
Tamsaasni walgaʼii kun Chicheewwaa isa afaan biyyichaa guddaa taʼeen darba. Guutummaan sagantichaa inni televijiiniidhaan darbu, yeruma sana afaan Mallattoo Maalaawwiittis ni hiikama. Walgaʼii uummataa irratti haasaa sabaa malees, viidiyoowwan keenya ykn dubbisni Kitaaba Qulqulluu bifa diraamaatiin qophaaʼe ni dhihaata. Xumura sagantichaatti, namoonni ilaalanii fi dhaggeeffatan, afaan kan biraatiin odeeffannoo dabalataa argachuuf, jw.org akka daawwatan jajjabeeffamu.
Tamsaasni kun waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa hubannaa dogoggoraa jiru sirreesseera. Namichi tokko yaada akkas jedhu barreesseera: “Torban darban muraasatti, lallaba keessan raadiyoodhaan dhaggeeffadheera. Lallabawwan kun soba namoonni waaʼee keessan babalʼisaniif deebii quubsaa kennaniiru. Lallabni keessan kan amantiiwwan kaanii irraa baayʼee adda dha; garaa keenya tuqaniiru!” Namichi kunii fi maatiin isaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabaniiru.
Awugastiin Seemoo, inni Maalaawwiitti Deeskii Odeeffannoo Uummataa qindeessu, akkas jedheera: “Tamsaasawwan kun obboloonni keenya barsiifata hafuuraa isaanii eeganii akka itti fufan gargaarsa guddaa godhaniiru. Kana malees, barumsa keenya isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe namoota Dhugaa Baatota hin taane hedduutti beeksisaniiru. Haalli Maalaawwii jiru yeroo iddootti deebiʼutti, Galma Walgaʼiitti namoonni haaraa hedduun akka argaman ni abdanna.”
Yeroo rakkisaa kanatti obboloonni keenyas taʼan namoonni Maalaawwii jiran kaan, nyaata hafuuraa argachaa akka jiran dhagaʼuu keenyatti baayʼee gammadna. Kun, ‘garbicha amanamaa’ isa namoonni hundi nyaata hafuuraa akka argatan gochaa jiruuf dinqisiifannaa qabnu nuuf guddisa.—Maatewos 24:45