GURAANDHALA 7, 2022
MAALTAA
Dhugaa Baatonni Yihowaa Maaltaatti Argaman Seera Biratti Galmaaʼan
Dhiheenya kana, jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa, maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa Biyya Maaltaa (JW-Malta) jedhuun biyyatti keessatti dhaabbata seera qabeessa taʼuudhaan galmaaʼaniiru. Dhugaa Baatonni Maaltaa keessatti argaman, waraqaa seera biratti fudhatama akka qaban argisiisu a kana kan fudhatan Muddee 28, 2021tti dha.
Dhugaa Baatonni Yihowaa Maaltaa keessatti gurmaaʼuu kan eegalan bara 1970mman keessa ture. Haataʼu malee, waggoota kurnan darbaniif gumiiwwan seera biratti beekkamtii muraasa qabu, ykn immoo sirumaayyuu beekkamtii seeraa hin qaban turan. Kunimmoo, qabeenya dhuunfaa qabaachuu fi akkaawuntii baankiillee banachuun gumiiwwan biyya sanaatti akka ulfaatu godheera. Bara 1994tti, Waldaan Barattoota Kitaaba Qulqulluu Biyyoolessaa jaarmiyaa Maaltaa keessatti seera biratti hin galmoofne akka taʼe beekame. Akkasitti beekamuun isaaniiyyuu mirgoota tokko tokko kan isaaniif kennisiisu taʼus, mirgoonni isaan argatan garuu baayʼee muraasa turan. Dhiheenyatti garuu maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa Biyya Maaltaa (JW Malta) jedhuun beekamuun isaanii, waajjirri damee biyyichaas taʼe gumiiwwan achi keessatti argaman, hojii isaanii rakkoo tokko malee hojjechuuf isaan gargaareera.
Obboleessi keenya Jooyi Maagirii jedhamuu fi Maaltaa keessatti Miseensa Koree Biyyaa taʼe, dhiheenyatti seera biratti fudhatama argachuudhaaf wanta godhamaa ture yaadachuudhaan akkas jedheera: “Seera biratti beekkamtii argachuuf carraaqqii gochaa yeroo turretti akkaataa Yihowaan itti nu gargaare amantii keenya nuuf cimseera. Obboloonni kutaa Dippaartimantii Seeraa Biritaaniyaa fi obboloonni Waajjira Muummee keessa jiran, carraaqqii seera biratti fudhatama argachuuf goonu irratti gargaarsa akka nuuf godhan gochuudhaan nu eebbiseera. Fedhii Mootummichaa caalaatti beeksisuu fi maqaan isaa maqaa seera biratti ittin beekamnu irra akka kaaʼamu gochuudhaan caalaatti Yihowaa jajachuu dandaʼuu keenyatti baayʼee gammanna.”
Yeroo ammaatti, Maaltaa keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa 800 ol kan jiran yommuu taʼu, gumiiwwan 11 keessatti tajaajilaa jiru. ‘Waaʼeen Mootummaa Waaqayyoo’ inni Phaawulos ergamaan waggoota 2,000 dura Maaltaa keessatti ‘lallabuu’ eegale, “gufuu tokko malee” ammas lallabamuu isaa akka itti fufe dhagaʼuu keenyatti gammanneerra.—HoE. 28:1, 30, 31.
a Wantoonni seera biratti beekkamtii argatan, namoota, kaampaaniiwwanii fi jaarmiyaa kan dabalatudha.