Dhimma ijoo ta'etti seeni

WAXABAJJII 23, 2021
MEEKSIKOO

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Chooliin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Chooliin Baʼe

Waxabajjii 20, 2021⁠tti obboleessi keenya Roobarti Baatiikoon inni Miseensa Koree Waajjira Damee Gidduu Galeessa Ameerikaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Chooliin baʼuu isaa beeksise. Kitaabni kun sagantaa dursee waraabamee fi namoota 800f tamsaafame irratti bifa elektiroonikiitiin baʼeera.

Ibsa Gabaabaa Waaʼee Pirojektii Kanaa

  • Chool afaan irra jireessaan naannoo Chiipaas isa Kibba baha Meeksikootti argamu keessatti dubbatamu dha

  • Namoonni gara 200,000⁠tti tilmaaman Afaan Chool dubbatu

  • Babalʼistoonni 500 ol taʼan gumiiwwan 22 fi gareewwan Afaan Chooliin geggeeffaman 2 keessatti tajaajilaa jiru

  • Hiiktonni 3 hojii hiikkaa kana xumuruuf jiʼoota 27f hojjetaniiru

Obboleessi hojii hiikkaa kanaaf gargaarsa gochaa ture tokko akkana jedheera: “Hiikkaan haaraa kun jechoota beekamoo jireenya keenya keessatti itti fayyadamnutti fayyadameera. Boqonnaawwan hunda gammachuudhaanan dubbisa.”

Obboleessi kan biraa tokkos akkana jedheera: “Afaan Ispaanishiin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu nan dandaʼa; hiikkaa kana Afaan Chool isa afaan dhalootaa koo taʼeen yeroon dubbisu garuu baayʼeen gammada. Akkuma nyaata manatti hojjetamee ti.”

Kitaabni Qulqulluu kun obboloonni keenya Afaan Chool dubbatan “qabeenya guddaa dhokfamee” fi Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu argachuuf carraaqqii godhan irratti akka isaan gargaaru ni amanna.—Fakkeenya 2:4, 5.