Dhimma ijoo ta'etti seeni

ADOOLESSA 23, 2021
MEEKSIKOO

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Toholabaaliin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Toholabaaliin Baʼe

Adoolessa 18, 2021, obboleessi keenya Artuuroo Maansaanaares, inni miseensa Koree Waajjira Damee Gidduu Gala Ameerikaa taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Giriikii Afaan Toholabaaliin baʼuu isaa beeksiseera.

Afaan Toholabaal namoota 66,000 ol taʼaniin, keessumaa immoo bulchiinsa Chiiyaapas, Meeksikoo, kibba baha biyyattii daangaa Guwwatemaalaatti balʼinaan kan dubbatamu dha. Kitaabni kun kan baʼe bifa elektironikiitiin yoo taʼu, baʼuun isaa kan beeksifame sagantaa dursee waraabamee fi tilmaamaan babalʼistoonni 2,800 hirmaatan irratti dha.

Sagantaa sana irratti obboleessi haasaa dhiheessu “Afaan Toholabaaliin hiikkaan Kitaaba Qulqulluu kan nu barbaachisu maaliifi?” gaaffii jedhu gaafatee ture. Deebii isaa yommuu kennu, “Kitaabni Qulqulluun Yihowaa isa Abbaa kitaabichaa taʼeef ulfina isaaf malu kennu jiraachuun barbaachisaa dha” jedheera.

Obboleettiin hikkaa isaa irratti hirmaatte tokko akkas jetteetti: “Yohaannis 5:28, 29 yeroon dubbisu garaan koo baayʼee tuqame. Haati koo yeroo duʼaa kaatu natti mulʼate. Caqasa kana Afaan Ispaanishiitiin yeroo hedduu dubbiseera, amma garuu afaan kootiin yeroon dubbisu caalaatti hubachuu dandaʼeera. Baayʼeen isin galateeffadha!”

Biiroo hiikkaa fagoo Toholabaal isa haaraa Laas Maargaaritaa, Chiiyaapasitti argamu

Pirojektii kana irra utuu jiranii gareen hiikkaa waajjira damee Gidduu gala Ameerikaa Meeksikoo Siitiitti dhihoo jiru irraa bakka biiroo hiikaa fagoo haaraa Laas Maargaaritaa, Chiiyaapas jirutti jijjiiramaniiru. Biiroon kun amma bakka Afaan Toholabaal dubbatamuu fi waajjira damee irraa kiiloomeetira 990 fagaatee argamu jira. Yeroo ammaatti waajjira hiikkaa fagoo keessa hiiktoonni yeroo guutuu tajaajilan sagalii fi dipaartimantiiwwan kan biroo hojicha deggeran keessa tajaajilan shantu jira. Namoonni naannoo adda addaatti Afaan Toholabaal dubbatan kan wal hubatan taʼus, jechoota tokko tokko irratti garaagarummaa muraasa qabu. Obboloonni hojii hiikkaa kana irratti hirmaatan Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii kana karaa sirrii fi namoonni hedduun salphaatti hubachuu dandaʼniin qopheessuuf carraaqqii guddaa godhaniiru.

Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun afaan isaaniitiin hiikame “Mootummaa Waaqayyoo” “bakka Waaqayyoo ajaja itti kennu” ykn “magaalaa Waaqayyoo” jedhee hiikeera. Ibsi kun garuu namoonni jechoota kanatti waan hin fayyadamneef hiika isaa hubachuu hin dandaʼan. Hiika Adduunyaa Haaraa Afaan Toholabaaliin qophaaʼe irratti “Bulchiinsa Waaqayyoo” jedhamee hiikameera; kun immoo salphaatti hubatamuu kan dandaʼu dha.

Obboleettiin sagantaa sana irratti hirmaatte tokko akkana jetteetti: “Yihowaan namoonni hojii kana irratti hirmaatan hundi, hiikkaa ifa, sirrii fi salphaatti hubatamuu dandaʼu akka qopheessaniif isaan akka isaan qajeelche beekamaa dha. Kennaan kun namoota hanga ammaatti Waaqayyoon hin beekne kan gargaaru akka taʼu shakkii tokko illee hin qabu.”—Hojii Ergamootaa 17:27.