Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 17, 2023
MEEKSIKOO

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Guutuun Isaa Afaan Mallattoo Meeksikootiin Baʼe

Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Guutuun Isaa Afaan Mallattoo Meeksikootiin Baʼe

Amajjii 1, 2023 obboleessi Armaandoo Ookaa inni Miseensa Koree Waajjira Damee Giddu Gala Ameerikaa taʼe Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Guutuun Isaa Afaan Mallattoo Meeksikootiin jw.org fi JW Library appilikeeshinii Afaan Mallattoo irratti akka argamu beeksise. Obboleessi Ookaa walgaʼii addaa Galma Walgaʼii Guddaa Eel Tehokotee keessatti godhame irratti oduu nama gammachiisu beeksise.

Obboleessa (mirga) sagantaa Kitaaba Qulqulluu haaraa namoota dhagaʼuu hin dandeenyeef hiikaa jiru akkasumas babalʼisaa mallattoo afaaniitti fayyadamaa jiru

Kun weerarri dhibee Kooviid-19 erga gaʼee kaasee walgaʼii Dhugaa Baatonni Yihowaa waajjira damee Giddu Gala Ameerikaa jala jiran qaamaan irratti argaman keessaa isa guddaadha. Dimshaashumatti obboloonnii fi obboleettonni 2,317 walgaʼii kana irratti qaamaan argamaniiru. Obboloonni kuma hedduutti lakkaaʼaman immoo Galmawwan Walgaʼii guguddaa fi Galmawwan Walgaʼiitti sagantaan kun yeroo darbu hordofaniiru.

Obbo Sarjoo Peenaa kan jedhamanii fi hayyuun Afaan Mallattoo Ameerikaa akkasumas Aadde Maariyaa Tereesaa Vaaskuweez, Bulchiinsa Mootummaa Yuukataanitti daayireektara dhaabbata namoota rakkina qaamaa qabanii kan taate walgaʼii kana irratti argamaniiru.

Obbo Peenaan akkana jedhaniiru: “Dhugaa Baatota Yihowaa Meeksikoo jiran baayʼee galateeffanna. Hanga Amajjii 1, 2023​tti namoonni gurri isaanii hin dhageenye Kitaaba Qulqulluu Guutuu Isaa Afaan Mallattoo Meksikootiin argataniiru. Baayʼeen dinqisiifadha; hojii ajaaʼibsiisaa taʼedha.”

Bara 2008 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Mallattoo Meeksikootti hiikuu jalqabame. Waggoota 14 darbanitti kitaabonni Kitaaba Qulqulluu akkuma hiikamee xumurameen baʼaniiru. Kun Kitaaba Qulqulluu Afaan Mallattoo Meeksikootiin hiikamee baʼe isa jalqabaati.

Weerarri dhibee Kooviid-19 yeroo turetti illee babalʼistoonni gurri isaanii hin dhageenye kitaabota Kitaaba Qulqulluu baʼan hedduu irraa faayidaa argataniiru. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Yeroo weerara dhibeetti kitaabonni Kitaaba Qulqulluu hedduun akka baʼan godhamuu isaatti baayʼeen galateeffadha. Yihowaan gama hafuuraatiin nu sooruu isaa itti fufee ture.”

Obboleettiin gurri ishii hin dhageenye tokko akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Afaan Mallattoo Meeksikootiin argachuu keenya dura obboloonni caqasoota Kitaaba Qulqulluu naaf hiiku turan. Haa taʼu malee, obboloonni caqasoota haala wal fakkaatuun hiikuun isaan rakkisa. Kun immoo caqasoota Kitaaba Qulqulluu yaadatti qabachuun akka natti ulfaatu godheera. Amma garuu Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsi warra kaanii na hin barbaachisu.”

Obboloonnii fi obboleettonni keenya dhagaʼuu hin dandeenye Kitaaba Qulqulluu guutuu argachuusaanii baayʼee akka isaan fayyadu amanna. Yihowaan carraaqqii ergaa isaa isa abdii gara fuulduraa qabate hiruuf godhamu akka eebbisu ni kadhanna.—Ermiyaas 29:11.